< Faarfannaa 88 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi kan maahilaati liinootiin Faarfatame. Maskiilii Heemaan Izraahichaa. Yaa Waaqayyo, Waaqa na fayyiftu, ani halkanii fi guyyaa fuula kee duratti nan iyyadha.
詠【哀怨歌】 科辣黑子孫的詩歌,交於樂官,悲調歌唱。 上主,我的天主,我白天禱告,我黑夜在您的面前哀號。
2 Kadhannaan koo fuula kee duratti haa dhiʼaatu; atis gurra kee gara iyyannaa kootiitti qabi.
願我的祈禱上前達您前,求您側耳聽我的呼喊。
3 Lubbuun koo rakkinaan guutamteertii; jireenyi koos awwaalatti dhiʼaateera. (Sheol h7585)
因我的心靈飽受災難,我的性命已臨近陰間; (Sheol h7585)
4 Ani warra boolla keessa buʼanitti nan lakkaaʼame; akka nama humna hin qabnees nan taʼe.
我已被列在進入墳墓的人中,我已變成與無氣力的人相同。
5 Ani akka nama gorraʼamee awwaala keessa ciisuutti, akka nama ati deebitee hin yaadanneetti, akka warra eegumsa kee jalaa baʼaniitti, warra duʼan wajjin gatameera.
我的床榻舖在死人的中間,與葬於墳墓者的屍身作伴,您已不再記念他們,您已不再照顧他們。
6 Ati boolla gad fagoo keessa, dukkana hamaa keessas na buufteerta.
您把我放在極深的坑間,您把我置於黑暗和深淵。
7 Dheekkamsi kee ulfaatee narra ciiseera; dambalii kee hundas narra garagalchiteerta.
您的忿怒氣燄重壓著我,您的大浪巨濤苦害著我。
8 Michoota koo narraa fageessiteerta; isaan biratti jibbamaa na gooteerta; akka ani jalaa hin baanettis balballi natti cufameera.
您叫我的知己離我遠去,您使我被他們痛恨厭惡;我受他們拘留不得外出。
9 Iji koo gaddaan dadhabeera. Yaa Waaqayyo, ani guyyuma guyyaan sin waammadha; harka koo illee gara keetti nan balʼifadha.
我的眼睛痛苦而憔悴,上主,我天天在呼號著您,也把我的雙手向您舉起。
10 Ati dinqii kee warra duʼanitti ni argisiiftaa? Warri duʼanis kaʼanii si galateeffatuu?
難道您還要給死人發顯奇跡,或是去世的人會起來稱謝您?
11 Jaalalli kee awwaala keessatti, amanamummaan kee immoo Qilee keessatti ni labsamaa?
難道在墳墓裏還有人稱述您的仁慈,或者在陰府內還有人宣揚您的信義?
12 Dinqiiwwan kee dukkana keessatti, yookaan qajeelummaan kee biyya irraanfannaa keessatti ni beekamaa?
難道在幽暗處能有人明瞭您的奇蹟?或者在遺忘區還有人曉得您的正義?
13 Yaa Waaqayyo, ani garuu akka ati na gargaartuuf gara keetti nan iyyadha; ganamaanis kadhannaan koo fuula kee duratti ni dhiʼaata.
但是上主,我現今呼號您,我的祈禱早晨上達於您;
14 Yaa Waaqayyo, ati maaliif na gatta? Fuula kees maaliif na duraa dhokfatta?
上主,您為什麼捨棄了我的靈魂?又為什麼向我掩起了您的慈容?
15 Ani ijoollummaa kootii jalqabee rakkadhee duʼuu gaʼeen ture; naasisuun kee na dhiphiseera; abdiis kutadheera.
我自幼受苦,幾乎死去,受您的威嚇,萬分恐懼;
16 Dheekkamsi kee narra yaaʼe; naasisuun kees na balleesseera.
您的盛怒將我淹沒,您的威嚇使我死掉,
17 Isaan guyyaa guutuu akkuma lolaa bishaanii na marsu; guutumaan guutuuttis na liqimsaniiru.
像水一樣常環繞著我,由四周齊來緊圍著我。
18 Michoota koo fi warra na jaallatan narraa fudhatteerta; dukkana qofatu michuu naa taʼe.
您使親友同伴將我離棄,黑暗成了我的家人知己。

< Faarfannaa 88 >