< Faarfannaa 87 >

1 Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.
He himene, he waiata ma nga tama a Koraha. Kei nga maunga tapu tona turanga:
2 Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa, karrawwan Xiyoon jaallata.
E arohaina rawatia ana e Ihowa nga kuwaha o Hiona i nga nohoanga katoa o Hakopa.
3 Yaa magaalaa Waaqaa, waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:
He mea kororia nga mea e korerotia ana mou, e te pa o te Atua. (Hera)
4 “Ani Raʼaabii fi Baabilonin warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa; kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin, ‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.”
Ka korerotia e ahau a Rahapa raua ko Papurona ki roto i te hunga e matau ana ki ahau: tirohia atu a Pirihitia, a Taira, a Etiopia; i whanau tenei ki reira.
5 Dhugumaan waaʼee Xiyoon, “Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan; Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama.
Ae ra ko te kupu tenei mo Hiona, I whanau tenei me tera ki reira: ma te Runga Rawa pu ano ia e whakapumau.
6 Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti, “Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa.
Ka korerotia e Ihowa, ina tuhituhia nga iwi, I whanau tenei ki reira. (Hera)
7 Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan, “Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.
Na ka mea te hunga waiata, me te hunga kanikani, Kei a koe oku puna katoa.

< Faarfannaa 87 >