< Faarfannaa 87 >

1 Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.
可拉后裔的诗歌。 耶和华所立的根基在圣山上。
2 Waaqayyo iddoo jireenya Yaaqoob hunda caalaa, karrawwan Xiyoon jaallata.
他爱锡安的门, 胜于爱雅各一切的住处。
3 Yaa magaalaa Waaqaa, waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:
神的城啊, 有荣耀的事乃指着你说的。 (细拉)
4 “Ani Raʼaabii fi Baabilonin warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa; kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin, ‘Namichi kun achitti dhalate’ jedhu.”
我要提起拉哈伯和巴比伦人, 是在认识我之中的; 看哪,非利士和泰尔并古实人, 个个生在那里。
5 Dhugumaan waaʼee Xiyoon, “Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan; Waaqni Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba” jedhama.
论到锡安,必说: 这一个、那一个都生在其中, 而且至高者必亲自坚立这城。
6 Waaqayyo yeroo saboota galmeessutti, “Namichi kun achitti dhalate” jedhee barreessa.
当耶和华记录万民的时候, 他要点出这一个生在那里。 (细拉)
7 Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan, “Burqaan koo hundi si keessatti argama” jedhu.
歌唱的,跳舞的,都要说: 我的泉源都在你里面。

< Faarfannaa 87 >