< Faarfannaa 85 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta; boojuu Yaaqoobis deebifteerta. 2 Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf; cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta. 3 Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta; aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta. 4 Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi; dheekkamsa kees nurraa qabi. 5 Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa? 6 Akka sabni kee sitti gammaduuf, ati lubbuu nutti hin deebiftuu? 7 Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi; fayyina kees nuu kenni. 8 Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha; inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa; isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin. 9 Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf, fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira. 10 Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan; qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan. 11 Amanamummaan lafa keessaa burqa; qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala. 12 Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna; lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti. 13 Qajeelummaan fuula isaa dura deema; miilla isaatiifis karaa qopheessa.

< Faarfannaa 85 >