< Faarfannaa 85 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta; boojuu Yaaqoobis deebifteerta.
Kwa mwimbishaji. Zaburi ya wana wa Kora. Ee Bwana, ulionyesha wema kwa nchi yako. Ulimrejeshea Yakobo baraka zake.
2 Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf; cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.
Ulisamehe uovu wa watu wako, na kufunika dhambi zao zote.
3 Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta; aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.
Uliweka kando ghadhabu yako yote na umegeuka na kuiacha hasira yako kali.
4 Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi; dheekkamsa kees nurraa qabi.
Ee Mungu Mwokozi wetu, uturejeshe tena, nawe uiondoe chuki yako juu yetu.
5 Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?
Je, utatukasirikia milele? Utaendeleza hasira yako kwa vizazi vyote?
6 Akka sabni kee sitti gammaduuf, ati lubbuu nutti hin deebiftuu?
Je, hutatuhuisha tena, ili watu wako wakufurahie?
7 Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi; fayyina kees nuu kenni.
Utuonyeshe upendo wako usiokoma, Ee Bwana, utupe wokovu wako.
8 Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha; inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa; isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.
Nitasikiliza lile atakalosema Mungu aliye Bwana; anaahidi amani kwa watu wake, watakatifu wake: lakini nao wasirudie upumbavu.
9 Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf, fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.
Hakika wokovu wake uko karibu na wale wamchao, ili utukufu wake udumu katika nchi yetu.
10 Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan; qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.
Upendo na uaminifu hukutana pamoja, haki na amani hubusiana.
11 Amanamummaan lafa keessaa burqa; qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.
Uaminifu huchipua kutoka nchi, haki hutazama chini kutoka mbinguni.
12 Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna; lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.
Naam, hakika Bwana atatoa kilicho chema, nayo nchi yetu itazaa mavuno yake.
13 Qajeelummaan fuula isaa dura deema; miilla isaatiifis karaa qopheessa.
Haki itatangulia mbele yake na kutengeneza njia kwa ajili ya hatua zake.

< Faarfannaa 85 >