< Faarfannaa 85 >
1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta; boojuu Yaaqoobis deebifteerta.
in finem filiis Core psalmus benedixisti Domine terram tuam avertisti captivitatem Iacob
2 Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf; cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.
remisisti iniquitates plebis tuae operuisti omnia peccata eorum diapsalma
3 Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta; aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.
mitigasti omnem iram tuam avertisti ab ira indignationis tuae
4 Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi; dheekkamsa kees nurraa qabi.
converte nos Deus salutum nostrarum et averte iram tuam a nobis
5 Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?
numquid in aeternum irasceris nobis aut extendes iram tuam a generatione in generationem
6 Akka sabni kee sitti gammaduuf, ati lubbuu nutti hin deebiftuu?
Deus tu conversus vivificabis nos et plebs tua laetabitur in te
7 Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi; fayyina kees nuu kenni.
ostende nobis Domine misericordiam tuam et salutare tuum da nobis
8 Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha; inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa; isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.
audiam quid loquatur in me Dominus Deus quoniam loquetur pacem in plebem suam et super sanctos suos et in eos qui convertuntur ad cor
9 Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf, fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.
verumtamen prope timentes eum salutare ipsius ut inhabitet gloria in terra nostra
10 Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan; qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.
misericordia et veritas obviaverunt sibi iustitia et pax osculatae sunt
11 Amanamummaan lafa keessaa burqa; qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.
veritas de terra orta est et iustitia de caelo prospexit
12 Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna; lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.
etenim Dominus dabit benignitatem et terra nostra dabit fructum suum
13 Qajeelummaan fuula isaa dura deema; miilla isaatiifis karaa qopheessa.
iustitia ante eum ambulabit et ponet in via gressus suos