< Faarfannaa 84 >
1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!
Ni jinsi gani maskani yako yapendeza, Ewe Yahwe wa Majeshi!
2 Lubbuun koo oobdiiwwan Waaqayyoo hawwiti; akka malees itti gaggabdi; onneen koo fi foon koo Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.
Ninashauku ya kuingia nyumbani mwa Yahwe, nimechoka sana kwa sababu ninatamani sana kuwa nyumani mwako. Moyo wangu na mwili wangu wote wakuita wewe Mungu uliye hai.
3 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, Mootii koo fi Waaqa ko, iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa, girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.
Hata Shomoro naye amepata nyumba yake na mbayuwayu amejipatia kiota kwa ajili yake mwenyewe mahali awezapo aweza kuweka makinda yake karibu na madhabahu yako, Ee Yahwe wa majeshi, Mfalme wangu, na Mungu wangu.
4 Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha; isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.
Wamebarikiwa wale ambao huishi katika nyumba yako; nao hukusifu wewe siku zote. (Selah)
5 Warri sirraa jabina argatan, kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.
Amebarikiwa mtu yule ambaye nguvu zake ziko katika wewe, katika moyo wake mna njia kuu ziendazo mpaka Sayuni.
6 Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti, iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu; bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.
Wanapopita katika bonde la machozi, hupata chemchem ya maji kwa ajili ya kunywa. Mvua ya vuli hulivika baraka.
7 Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti, jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.
Huendelea toka nguvu hadi nguvu; kila mmoja wao katika sayuni huonekana mbele ya Mungu.
8 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kadhannaa koo dhagaʼi; yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu.
Yahwe Mungu wa majeshi, sikia maombi yangu; Mungu wa Yakobo, usikilize nisemacho! (Selah)
9 Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali; fuula dibamaa kee sanaas ilaali.
Ee Mungu, uiangalie ngao yetu; uwaangalie wapakwa mafuta wako.
10 Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra, guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya; dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra, eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya.
Kwa maana siku moja katika nyumba yako ni bora kuliko siku elfu mahali pengine. Ni bora niwe mlinzi wa mlango katika nyumba ya Mungu wangu, kuliko kuishi katika mahema ya waovu.
11 Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
Kwa kuwa Yahwe Mungu ni jua letu na ngao yetu; Yahwe atatoa neema na utukufu; hazuii zuri lolote kwa wale ambao hutembea katika uadilifu.
12 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, namni si amanatu eebbifamaa dha.
Yahwe wa majeshi, amebarikiwa mtu yule anaye kutumainia wewe.