< Faarfannaa 84 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, iddoon ati jiraattu akkam namatti tola! 2 Lubbuun koo oobdiiwwan Waaqayyoo hawwiti; akka malees itti gaggabdi; onneen koo fi foon koo Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu. 3 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, Mootii koo fi Waaqa ko, iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa, girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti. 4 Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha; isaan yeroo hundumaa si jajatuutii. 5 Warri sirraa jabina argatan, kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha. 6 Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti, iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu; bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa. 7 Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti, jabina irraa gara jabinaatti ni darbu. 8 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kadhannaa koo dhagaʼi; yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu. 9 Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali; fuula dibamaa kee sanaas ilaali. 10 Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra, guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya; dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra, eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya. 11 Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu. 12 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, namni si amanatu eebbifamaa dha.

< Faarfannaa 84 >