< Faarfannaa 84 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!
詠【朝拜上主歌】 科辣黑子孫的詩歌,交於樂官。調寄「加特」。 萬軍的上主,您的居所是多麼可愛!
2 Lubbuun koo oobdiiwwan Waaqayyoo hawwiti; akka malees itti gaggabdi; onneen koo fi foon koo Waaqa jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.
我的心靈對上主的宮庭渴慕及緬懷。我的心靈及肉身向生活的天主踴躍歡欣。
3 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, Mootii koo fi Waaqa ko, iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa, girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.
萬軍的上主,我的君王,我的天主,麻雀您的祭壇找到了住所,燕子也找到了安置 幼雛的窩巢。
4 Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha; isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.
上主,居住在您的殿宇,時常讚美您的,真是有福!
5 Warri sirraa jabina argatan, kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.
那以您作為自己的助佑,居心朝聖的人,真是有福!
6 Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti, iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu; bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.
他們把他們經過的乾谷變為水泉,並以初雨給乾谷披上祝福的衣衫。
7 Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Waaqaa duratti mulʼatanitti, jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.
他們的體力越行越壯,來到熙雍覲見至高天主。
8 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, kadhannaa koo dhagaʼi; yaa Waaqa Yaaqoob na dhaggeeffadhu.
萬軍的上主,求您允我的懇請,雅各伯的天主,求您側耳傾聽!
9 Yaa Waaqayyo, gara gaachana keenyaa ilaali; fuula dibamaa kee sanaas ilaali.
天主,我們的護盾,求您目睹,請對您的受傅者予以回顧。
10 Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra, guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya; dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra, eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya.
的確在您的聖殿逗留一日,遠勝過在別處逗千日。我寧願站在我天主殿宇的門限,我不願逗留在惡人帳幕的裏面,
11 Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
因為上主天主是護盾。上主常廣施恩愛和光榮;祂對行為正直純潔的人,從來不會拒絕賜祐賜福。
12 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, namni si amanatu eebbifamaa dha.
萬軍的上主,依賴您的人,那人才是真有福的。

< Faarfannaa 84 >