< Faarfannaa 83 >
1 Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi gab hin jedhin; yaa Waaqi, hin calʼisin; akkasumattis hin dhiisin.
“A song or psalm of Assaph.” O God, take no rest for thyself: be not silent and keep not still, O God!
2 Diinonni kee akkam akka kakaʼan, warri si jibbanis akkam akka mataa ol qabatan ilaali.
For, lo, thy enemies make a tumult, and they that hate thee have lifted up their head.
3 Isaan saba keetti daba karoorfatu; warra ati eegdutti mariʼatu.
Against thy people they take crafty secret device, and they consult against those whom thou protectest.
4 Isaanis, “Kottaa akka maqaan Israaʼel lammata hin yaadatamneef, akka isaan saba hin taaneef isaan barbadeessinaa” jedhu.
They have said, Come, and let us cut them off from being a nation; and the name of Israel shall be remembered no more.
5 Isaan yaada tokkoon walii galu; sittis ni gurmaaʼu;
For they have consulted cordially together; against thee they make a covenant:
6 isaanis dunkaanota Edoom, Ishmaaʼeeloota, Moʼaabii fi gosa Aggaar,
The tents of Edom, and the Ishmaelites: Moab, and the Hagarenes;
7 Gebaal, Amoonii fi Amaaleq, Filisxeemii fi namoota biyya Xiiroos wajjin turan.
Gebal, and 'Ammon, and 'Amalek; the Philistines with the inhabitants of Tyre;
8 Warri Asooriis, ilmaan Looxiitiif irree jabaa taʼuudhaaf isaanitti makaman.
Also Asshur is joined with them; they have become an arm unto the children of Lot. (Selah)
9 Ati akkuma Midiyaanin goote, akkuma laga Qiishooniitti Siisaaraa fi Yaabiinin goote sana isaan godhi;
Do unto them as [unto] Midian; as to Sissera, as to Jabin, at the brook Kishon:
10 isaan Eendooritti dhumanii akkuma kosii lafaa taʼan.
Who were annihilated at 'En-dor; they became as dung for the ground.
11 Gurguddoota isaanii akka Hereebiitii fi Zeʼeeb, ilmaan mootota isaanii immoo akka Zebaa fi Zalmunaa godhi;
Render them, their nobles, like 'Oreb, and like Zeeb; yea, like Zebach and like Zalmunna' all their princes;
12 isaan warra, “Kottaa, lafa tika Waaqaa fudhannee kan dhuunfaa keenyaa godhannaa” jedhanii dha.
Who said, Let us conquer for ourselves the dwellings of God,
13 Yaa Waaqa ko, akka awwaara bubbeen fudhatuu, akka habaqii qilleensi bittinneessuu isaan godhi.
O my God, render them like the thistle-down, like stubble before the wind.
14 Akkuma ibiddi bosona balleessu, yookaan akkuma arrabni ibiddaa tulluuwwan gubu,
As the fire burneth up a forest, and as the flame setteth the mountains on fire:
15 atis akkasuma aarii keetiin isaan gugsi; bubbee keetiin isaan sodaachisi.
So pursue them with thy storm, and with thy whirlwind do thou terrify them.
16 Yaa Waaqayyo, akka isaan maqaa kee barbaaddataniif, fuula isaanii qaaniin haguugi.
Fill their faces with shame, that they may seek thy name, O Lord!
17 Isaan yeroo hunda qaanaʼanii haa dhiphatan; salphinaanis haa badan.
Let them be made ashamed and terrified for ever and aye; yea, let them be put to the blush and perish:
18 Isaan akka ati kan maqaan kee Waaqayyo taʼe sun qofti, lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii taate haa beekan.
That they may know that thou, whose name is the Eternal, art by thyself alone, the Most High over all the earth.