< Faarfannaa 82 >
1 Faarfannaa Asaaf. Waaqni, waldaa waaqotaa gidduu dhaabata; “waaqota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha:
詠【警告為民長者】阿撒夫的詩歌。 天主親臨眾神的會議,在眾神之中主張公理:
2 “Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu? Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu?
你們不正義審理,偏袒惡人要到何時? (休止)
3 Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.
你們應保護受苦的人和孤兒,為貧窮與可憐的人主持正義。
4 Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; harka jalʼootaatiis isaan baasaa.
應拯救弱小及窮苦的人,由惡人的爪牙拯救他們。
5 “Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan. Isaan dukkana keessa jiraatu; hundeen lafaa hundinuu ni raafame.
他們原本無知無識,在暗中摸索,卻把大地的一切根基動搖。
6 “Anis, ‘Isin, “waaqota;” hundi keessan ilmaan Waaqa Waan Hundaa Olii ti’ jedheera.
我親自說過:你們都是神,眾人都是至高者的子民。
7 Taʼus isin akkuma namatti ni duutu; akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.”
但是你們必要死亡像眾人一樣,必要消失像任何一位王侯一樣。
8 Yaa Waaqi kaʼi; lafatti muri; sabni hundinuu kan keetiitii.
天主,求您起來審判下土,因為萬國都應由您佔據。