< Faarfannaa 81 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Asaaf Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Waaqa jabina nuu taʼeef gammachuudhaan faarfadhaa; Waaqa Yaaqoobiitiif gammachuudhaan ililchaa!
למנצח על הגתית לאסף הרנינו לאלהים עוזנו הריעו לאלהי יעקב׃
2 Faarfachuu jalqabaa; dibbees rukutaa; baganaa fi kiraara sagalee gaarii qabu rukutaa.
שאו זמרה ותנו תף כנור נעים עם נבל׃
3 Yeroo Baatiin dhalattu, yommuu jiʼi goobanutti, guyyaa ayyaana keenyaa malakata afuufaa;
תקעו בחדש שופר בכסה ליום חגנו׃
4 kun seera Israaʼeliif kenname, ajaja Waaqa Yaaqoob.
כי חק לישראל הוא משפט לאלהי יעקב׃
5 Inni yeroo biyya Gibxi dhaʼuuf baʼetti, waan kana Yoosefiif seera godhee dhaabe. Anis afaan duraan hin beekin tokko dhagaʼe.
עדות ביהוסף שמו בצאתו על ארץ מצרים שפת לא ידעתי אשמע׃
6 Innis akkana jedhe; “Ani gatiittii isaanii irraa baʼaa buuseera; harki isaanis guuboo baachuu jalaa baʼe.
הסירותי מסבל שכמו כפיו מדוד תעברנה׃
7 Ati dhiphina kee keessatti na waammatte; anis sin oolche; anis lafa bakakkaan itti dhokatu keessaa deebii siifin kenne; bishaan Mariibaa birattis sin qore.
בצרה קראת ואחלצך אענך בסתר רעם אבחנך על מי מריבה סלה׃
8 “Yaa saba koo dhagaʼi; ani siin akeekkachiisa; yaa Israaʼel ati utuu na dhaggeeffate!
שמע עמי ואעידה בך ישראל אם תשמע לי׃
9 Waaqni ormaa tokko iyyuu isin gidduu hin jiraatin; ana malee waaqa biraa hin waaqeffatin.
לא יהיה בך אל זר ולא תשתחוה לאל נכר׃
10 Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan Gibxii baasee isin fidee dha. Afaan kee balʼisii banadhu; ani nan guutaa.
אנכי יהוה אלהיך המעלך מארץ מצרים הרחב פיך ואמלאהו׃
11 “Sabni koo garuu na hin dhaggeeffanne; Israaʼel anaaf hin bulle.
ולא שמע עמי לקולי וישראל לא אבה לי׃
12 Kanaafuu ani akka isaan karaa fedhii isaanii deemaniif dabarsee mata jabina isaaniitti isaan kenne.
ואשלחהו בשרירות לבם ילכו במועצותיהם׃
13 “Utuu sabni koo na dhaggeeffatee, utuu Israaʼel karaa koo irra deemee jiraatee,
לו עמי שמע לי ישראל בדרכי יהלכו׃
14 ani silaa akkam dafee diinota isaanii jilbeenfachiisee harka koos amajaajota isaaniitti nan kaasa ture!
כמעט אויביהם אכניע ועל צריהם אשיב ידי׃
15 Warri Waaqayyoon jibban fuula isaa duratti ni gugguufu; adabbiin isaaniis bara baraan itti fufa.
משנאי יהוה יכחשו לו ויהי עתם לעולם׃
16 Ani garuu qamadii qulqulluu isin soora; damma kattaa keessaa baafames isinan quubsa.”
ויאכילהו מחלב חטה ומצור דבש אשביעך׃

< Faarfannaa 81 >