< Faarfannaa 80 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo, “Daraaraa Kakuutiin” Faarfatame. Faarfannaa Asaaf. Yaa tiksee saba Israaʼel, kan akkuma bushaayeetti Yoosefin geggeessitu nu dhagaʼi; ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu.
למנצח אל ששנים עדות לאסף מזמור רעה ישראל האזינה נהג כצאן יוסף ישב הכרובים הופיעה׃
2 Fuula Efreem, Beniyaamii fi Minaasee duratti humna kee sochoosi; kottuutii nu fayyisi.
לפני אפרים ובנימן ומנשה עוררה את גבורתך ולכה לישעתה לנו׃
3 Yaa Waaqi, iddoo keenyatti nu deebisi; akka fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
אלהים השיבנו והאר פניך ונושעה׃
4 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, ati hamma yoomiitti kadhannaa saba keetiitti aarta?
יהוה אלהים צבאות עד מתי עשנת בתפלת עמך׃
5 Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte; imimmaan waciitii guutuus isaan obaafte.
האכלתם לחם דמעה ותשקמו בדמעות שליש׃
6 Ati akka olloonni keenya nu tuffatan goote; diinonni keenyas nutti qoosu.
תשימנו מדון לשכנינו ואיבינו ילעגו למו׃
7 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, iddoo keenyatti nu deebisi; akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
אלהים צבאות השיבנו והאר פניך ונושעה׃
8 Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde; ormootas ariitee muka sana dhaabde.
גפן ממצרים תסיע תגרש גוים ותטעה׃
9 Mukichaafis lafa qopheessite; mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute.
פנית לפניה ותשרש שרשיה ותמלא ארץ׃
10 Tulluuwwan gaaddisa isaatiin, birbirsawwan gurguddaanis dameewwan isaatiin haguugaman.
כסו הרים צלה וענפיה ארזי אל׃
11 Innis dameewwan isaa gara Galaanaatti, lata isaas hamma Lagaatti diriirfate.
תשלח קצירה עד ים ואל נהר יונקותיה׃
12 Yoos ati maaliif akka namni achiin darbu hundinuu ija isaa ciratu gochuuf jettee dallaa isaa diigde ree?
למה פרצת גדריה וארוה כל עברי דרך׃
13 Kormi booyyee bosona keessaa baʼee isa ni balleessa; bineensi dirrees isa ni nyaata.
יכרסמנה חזיר מיער וזיז שדי ירענה׃
14 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, si kadhannaa gara keenyatti deebiʼi! Samii irraa gad ilaalii argi! Muka wayinii kana eegi;
אלהים צבאות שוב נא הבט משמים וראה ופקד גפן זאת׃
15 mukni kun muka wayinii kan harki kee mirgaa dhaabee dha; biqiltuu ati ofii keetiif guddifattee dha.
וכנה אשר נטעה ימינך ועל בן אמצתה לך׃
16 Wayiniin kee ciramee ibiddaan gubameera; sabni kees dheekkamsa keetiin bada.
שרפה באש כסוחה מגערת פניך יאבדו׃
17 Harki kee namicha karaa harka kee mirgaa jiru irra, ilma namaa kan ati ofii keetiif guddifatte irra haa boqotu.
תהי ידך על איש ימינך על בן אדם אמצת לך׃
18 Yoos nu sirraa hin garagallu; jireenya nuu kenni; nus maqaa kee ni waammannaa.
ולא נסוג ממך תחינו ובשמך נקרא׃
19 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu iddoo keenyatti nu deebisi; akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
יהוה אלהים צבאות השיבנו האר פניך ונושעה׃

< Faarfannaa 80 >