< Faarfannaa 80 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo, “Daraaraa Kakuutiin” Faarfatame. Faarfannaa Asaaf. Yaa tiksee saba Israaʼel, kan akkuma bushaayeetti Yoosefin geggeessitu nu dhagaʼi; ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu.
Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Mai muryar “Lilin Alkawari.” Na Asaf. Zabura ce. Ka ji mu, ya Makiyayin Isra’ila, kai da ka bishe Yusuf kamar garke. Kai da kake zaune a kursiyi tsakanin kerubobi, ka haskaka
2 Fuula Efreem, Beniyaamii fi Minaasee duratti humna kee sochoosi; kottuutii nu fayyisi.
a gaban Efraim, Benyamin da Manasse. Ka tā da ƙarfinka; ka zo ka cece mu.
3 Yaa Waaqi, iddoo keenyatti nu deebisi; akka fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
Ka mai da mu, ya Allah; ka sa fuskarka ta haskaka a kanmu, za mu kuwa cetu.
4 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, ati hamma yoomiitti kadhannaa saba keetiitti aarta?
Ya Ubangiji Allah Maɗaukaki, har yaushe fushinka zai yi ta ƙuna a kan addu’o’in mutanenka?
5 Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte; imimmaan waciitii guutuus isaan obaafte.
Ka ciyar da su da burodin hawaye; ka sa suka sha hawaye ta cikakken kwaf.
6 Ati akka olloonni keenya nu tuffatan goote; diinonni keenyas nutti qoosu.
Ka mai da mu abin faɗa ga maƙwabtanmu, kuma abokan gābanmu suna mana ba’a.
7 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, iddoo keenyatti nu deebisi; akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
Ka mai da mu, ya Allah Maɗaukaki; ka sa fuskarka ta haskaka a kanmu za mu kuwa cetu.
8 Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde; ormootas ariitee muka sana dhaabde.
Ka fitar da inabi daga Masar; ka kori al’ummai ka kuma dasa shi.
9 Mukichaafis lafa qopheessite; mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute.
Ka gyara wuri saboda shi, ya kuwa yi saiwa ya cike ƙasa.
10 Tulluuwwan gaaddisa isaatiin, birbirsawwan gurguddaanis dameewwan isaatiin haguugaman.
Aka rufe duwatsu da inuwarsa, manya-manyan itatuwan al’ul da rassansa.
11 Innis dameewwan isaa gara Galaanaatti, lata isaas hamma Lagaatti diriirfate.
Ya miƙe rassansa zuwa Teku tohonsa har zuwa Kogi.
12 Yoos ati maaliif akka namni achiin darbu hundinuu ija isaa ciratu gochuuf jettee dallaa isaa diigde ree?
Me ya sa ka rurrushe bangayensa don duk masu wucewa su tsinke’ya’yan inabinsa?
13 Kormi booyyee bosona keessaa baʼee isa ni balleessa; bineensi dirrees isa ni nyaata.
Aladu daga kurmi suna ɓarnatar da shi halittun gonaki kuma suna cinsa.
14 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, si kadhannaa gara keenyatti deebiʼi! Samii irraa gad ilaalii argi! Muka wayinii kana eegi;
Ka komo wurinmu, ya Allah Maɗaukaki! Ka duba daga sama ka gani! Ka lura da wannan inabi,
15 mukni kun muka wayinii kan harki kee mirgaa dhaabee dha; biqiltuu ati ofii keetiif guddifattee dha.
saiwar da hannun damarka ya dasa, ɗan da ka renar wa kanka.
16 Wayiniin kee ciramee ibiddaan gubameera; sabni kees dheekkamsa keetiin bada.
An yanke inabinka, an ƙone shi da wuta; a tsawatawarka mutanenka sun hallaka.
17 Harki kee namicha karaa harka kee mirgaa jiru irra, ilma namaa kan ati ofii keetiif guddifatte irra haa boqotu.
Bari hannunka yă zauna a kan mutumin da yake hannun damarka, ɗan mutum da ka renar wa kanka.
18 Yoos nu sirraa hin garagallu; jireenya nuu kenni; nus maqaa kee ni waammannaa.
Ta haka ba za mu juye mu bar ka ba; ka rayar da mu, za mu kuwa kira bisa sunanka.
19 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu iddoo keenyatti nu deebisi; akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
Ka mai da mu, ya Ubangiji Allah Maɗaukaki; ka sa fuskarka ta haskaka a kanmu, za mu kuwa cetu.

< Faarfannaa 80 >