< Faarfannaa 8 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Gitiitiidhaan faarfatamu. Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! Ati ulfina kee samiiwwan irratti diriirsiteerta.
Kumutungamiri wokuimba negititi. Pisarema raDhavhidhi. Haiwa Jehovha, Ishe wedu, zita renyu rakaisvonaka sei panyika yose! Makaisa kubwinya kwenyu kudenga kumusoro.
2 Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatu afaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta.
Pamiromo yavana navacheche makaisa rumbidzo nokuda kwavavengi venyu, kuti munyaradze muvengi nomutsivi.
3 Yommuu ani hojii quba keetii, samiiwwan kee, jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,
Kana ndichifunga nezvamatenga enyu, iro basa reminwe yenyu, mwedzi nenyeredzi, zvamakarongedza panzvimbo yazvo,
4 akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
munhu chiiko zvamunomufunga, kana mwanakomana womunhu zvamune hanya naye?
5 Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.
Makamuita muduku zvishoma pana Mwari, uye mukamushongedza korona yokubwinya nokukudzwa.
6 Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote; waan hundas miilla isaa jala galchite;
Makamuita mutongi pamusoro pebasa ramaoko enyu; mukaisa zvinhu zvose pasi petsoka dzake:
7 bushaayee fi loon hunda, bineensota bosonaas,
makwai ose nemombe, nemhuka dzesango,
8 simbirroota samii irraa, qurxummii galaanaa, waan daandii galaanaatiin darbu hundas miilla isaa jala galchite.
neshiri dzedenga, nehove dzegungwa, zvose zvinofamba munzira dzomugungwa.
9 Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa!
Haiwa Jehovha, Ishe wedu, zita renyu rakaisvonaka sei panyika yose!