< Faarfannaa 8 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Gitiitiidhaan faarfatamu. Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! Ati ulfina kee samiiwwan irratti diriirsiteerta.
われらの主ヱホバよなんぢの名は地にあまねくして尊きかな その榮光を天におきたまへり
2 Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatu afaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta.
なんぢは嬰兒ちのみごの口により力の基をおきて敵にそなへたまへり こは仇人とうらみを報るものを鎭靜めんがためなり
3 Yommuu ani hojii quba keetii, samiiwwan kee, jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,
我なんぢの指のわざなる天を觀なんぢの設けたまへる月と星とをみるに
4 akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
世人はいかなるものなればこれを聖念にとめたまふや 人の子はいかなるものなればこれを顧みたまふや
5 Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.
只すこしく人を神よりも卑つくりて榮と尊貴とをかうぶらせ
6 Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote; waan hundas miilla isaa jala galchite;
またこれに手のわざを治めしめ萬物をその足下におきたまへり
7 bushaayee fi loon hunda, bineensota bosonaas,
すべての羊うしまた野の獣
8 simbirroota samii irraa, qurxummii galaanaa, waan daandii galaanaatiin darbu hundas miilla isaa jala galchite.
そらの鳥うみの魚もろもろの海路をかよふものをまで皆しかなせり
9 Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa!
われらの主ヱホバよなんぢの名は地にあまねくして尊きかな

< Faarfannaa 8 >