< Faarfannaa 79 >

1 Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi, namoonni ormaa handhuuraa kee qabataniiru; mana qulqullummaa kee qulqullicha xureessaniiru; Yerusaaleminis barbadeessaniiru.
亞薩的詩。 上帝啊,外邦人進入你的產業, 污穢你的聖殿,使耶路撒冷變成荒堆,
2 Akka isaan nyaata isaaniif taʼaniif, reeffa garboota keetii allaattii samiitiif, foon qulqulloota keetii immoo bineensota lafaatiif kennaniiru.
把你僕人的屍首交與天空的飛鳥為食, 把你聖民的肉交與地上的野獸,
3 Dhiiga isaaniis naannoo Yerusaalemitti akkuma bishaanii dhangalaasan; namni isaan awwaalu tokko illee hin argamne.
在耶路撒冷周圍流他們的血如水, 無人葬埋。
4 Ollaa keenya biratti maqaan nu badeera; warra naannoo keenya jiran birattis nama tuffii fi kolfaa taane.
我們成為鄰國的羞辱, 成為我們四圍人的嗤笑譏刺。
5 Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti? Ati hamma bara baraatti aartaa? Hinaaffaan kees hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
耶和華啊,這到幾時呢? 你要動怒到永遠嗎? 你的憤恨要如火焚燒嗎?
6 Dheekkamsa kee sana saboota si hin beekne irratti, mootummoota maqaa kee hin waammanne irratti gad dhangalaasi;
願你將你的忿怒倒在那不認識你的外邦 和那不求告你名的國度。
7 isaan Yaaqoobin liqimsaniiruutii; iddoo jireenya isaas balleessaniiru.
因為他們吞了雅各, 把他的住處變為荒場。
8 Cubbuu abbootii keenyaa nutti hin herregin; waan nu baayʼee gad deebifamneef, araarri kee dafee nu bira haa gaʼu.
求你不要記念我們先祖的罪孽,向我們追討; 願你的慈悲快迎着我們, 因為我們落到極卑微的地步。
9 Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari; maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi; cubbuu keenya illee nuu dhiisi.
拯救我們的上帝啊,求你因你名的榮耀幫助我們! 為你名的緣故搭救我們,赦免我們的罪。
10 Ormoonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu ree? Dhiiga tajaajiltoota keetii kan dhangalaafame sanaaf, akka haaloo baaftu ija keenya duratti saboota gidduutti beeksisi.
為何容外邦人說「他們的上帝在哪裏」呢? 願你使外邦人知道你在我們眼前 伸你僕人流血的冤。
11 Aaduun hidhamtootaa fuula kee dura haa gaʼu; jabina irree keetiitiin warra duuti itti murame oolchi.
願被囚之人的歎息達到你面前; 願你按你的大能力存留那些將要死的人。
12 Yaa Gooftaa, arraba isaan ittiin si arrabsan, dachaa torba godhiitii ollaa keenyatti deebisi.
主啊,願你將我們鄰邦所羞辱你的羞辱 加七倍歸到他們身上。
13 Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii, bara baraan si jajanna; dhalootaa hamma dhalootaattis, galata kee ni odeessina.
這樣,你的民,你草場的羊, 要稱謝你,直到永遠; 要述說讚美你的話,直到萬代。

< Faarfannaa 79 >