< Faarfannaa 78 >
1 Maskiilii Asaaf. Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa; dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa.
Maskil na Asaf. Ya mutanena, ku ji koyarwata; ku saurari kalmomin bakina.
2 Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha; waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha.
Zan buɗe bakina da misalai, zan faɗi ɓoyayyun abubuwa, abubuwan dā,
3 Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu, waan abbootiin keenya nutti himanii dha.
abin da muka ji muka kuma sani, abubuwan da kakanninmu suka faɗa mana.
4 Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu; hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana, humna isaatii fi dinqii inni hojjete, dhaloota itti aanutti ni himna.
Ba za mu ɓoye su wa’ya’yanmu ba; za mu faɗa wa tsara mai zuwa ayyukan da suka zama yabo na Ubangiji, ikonsa, da abubuwan banmamakin da ya aikata.
5 Inni Yaaqoobiif sirna dhaabe; Israaʼeliif immoo seera kenne; waan kana illee akka isaan ijoollee isaanii barsiisaniif, abbootii keenya ajaje;
Ya kafa ƙa’idodi wa Yaƙub ya kuma kafa doka a cikin Isra’ila, wadda ya umarce kakanni-kakanninmu su koya wa’ya’yansu,
6 kunis akka dhaloonni itti aanu beeku, akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan, isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif.
don tsara na biye su san su, har da’ya’yan da ba a riga an haifa ba, su kuma su faɗa wa’ya’yansu.
7 Yoos isaan Waaqa amanatu; ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan.
Ta haka za su dogara ga Allah ba kuwa za su manta da ayyukansa ba amma za su kiyaye umarnansa.
8 Isaan akka abbootii isaanii, akka dhaloota mata jabeessaa fi fincilaa, warra garaan isaanii Waaqaaf hin ajajamnee, akka warra hafuurri isaanii isaaf hin amanamin sanaa hin taʼan.
Ba za su zama kamar kakanni kakanninsu ba, masu taurinkai da kuma tsara masu tayarwa, waɗanda zukatansu ba su yi biyayya ga Allah ba, waɗanda zukatansu ba su yi aminci ga Allah ba.
9 Namoonni Efreem xiyya qabatanii turan; taʼus gaafa lolaa duubatti deebiʼan.
Mutanen Efraim, ko da yake suna da bakkuna, suka juya da baya a ranar yaƙi;
10 Isaan kakuu Waaqaa hin eegne; seera isaattis buluu didan.
ba su kiyaye alkawarin Allah ba suka kuma ƙi su yi rayuwa ta wurin dokarsa.
11 Isaan hojii inni hojjete, dinqii inni isaanitti argisiises ni irraanfatan.
Suka manta da abin da ya aikata, abubuwan banmamakin da ya nuna musu.
12 Inni fuula abbootii isaanii duratti, biyya Gibxi kutaa Zooʼaanitti waan nama dinqisiisu hojjete.
Ya yi mu’ujizai a idanun kakanninsu a ƙasar Masar, a yankin Zowan.
13 Inni galaana gargar qoodee gidduun isaan dabarse; bishaan sanas akkuma keenyan manaa dhaabachiise.
Ya raba teku ya kuma bi da su ciki; ya sa ruwa ya tsaya daram kamar bango.
14 Guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo ifa ibiddaatiin isaan geggeesse.
Ya bishe su da girgije da rana da kuma haske daga wuta dukan dare.
15 Inni gammoojjii keessatti kattaa dayyaasee bishaan akka galaanaa baayʼatu isaanii kenne.
Ya tsage duwatsu a cikin hamada ya kuma ba su ruwaye a yalwace kamar tekuna;
16 Kattaa keessaa burqaa burqisiisee akka bishaan akkuma lagaatti yaaʼu godhe.
ya fid da rafuffuka daga dutsen da ya tsaga ya sa ruwa ya gudu kamar koguna.
17 Isaan garuu gammoojjii keessatti Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; ittuma fufaniis isatti cubbuu hojjetan.
Amma suka ci gaba da yin masa zunubi, suna tayarwa a cikin hamada a kan Mafi Ɗaukaka.
18 Isaan nyaata dharraʼanii, “Fidi” jechuudhaan beekumsa Waaqaa qoran.
Da gangan suka gwada Allah ta wurin neman abincin da suke kwaɗayi.
19 Akkana jedhanii Waaqa hamatan; “Waaqni gammoojjii keessatti maaddii qopheessuu dandaʼaa?
Suka yi magana a kan Allah, suna cewa, “Allah zai iya shimfiɗa tebur a cikin hamada?
20 Inni kattaa rukunnaan bishaan humnaan keessaa burqe; burqaan guutee irraan dhangalaʼe. Garuu inni nyaata nuu kennuu dandaʼaa? Saba isaatiifis foon kennuu dandaʼaa?”
Sa’ad da ya bugi dutse, ruwa ya ɓulɓulo, rafuffuka suka yi gudu a yalwace. Amma zai iya ba mu abinci? Zai iya tanada wa mutanensa nama?”
21 Waaqayyo yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee aare; Yaaqoob irratti ibiddi isaa ni qabsiifame; dheekkamsi isaas Israaʼelitti dhufe;
Sa’ad da Ubangiji ya ji su, ya yi fushi ƙwarai; wutarsa ta ɓarke a kan Yaƙub, hasalarsa kuwa ta tashi a kan Isra’ila,
22 isaan Waaqa hin amananneetii; fayyisuu isaattis hin amanne.
gama ba su gaskata ga Allah ba ko su dogara ga cetonsa.
23 Inni garuu samii gubbaatiif ajaja kenne; balbala samiis ni bane;
Duk da haka ya ba da umarni ga sarari a bisa ya kuma buɗe ƙofofin sammai;
24 akka isaan nyaataniif mannaa gad roobseef; midhaan samiis isaaniif kenne.
ya sauko da Manna wa mutanensa don su ci, ya ba su hatsin sama.
25 Namoonni buddeena ergamoota Waaqayyoo nyaatan; inni waan isaan nyaatanii quufan ergeef.
Mutane suka ci burodin mala’iku; ya aika musu dukan abincin da za su iya ci.
26 Inni akka bubbeen baʼa biiftuu samii keessaa bubbisu godhe; bubbee kibbaas humna ofii isaatiin oofe.
Ya saki iskar gabas daga sammai ya kuma saki iskar yamma ta wurin ikonsa.
27 Foon akkuma awwaaraatti, simbirroota barrisanis akkuma cirracha galaanaatti gad isaaniif roobse.
Ya sauko da nama a kansu kamar ƙura, tsuntsaye masu firiya kamar yashi a bakin teku.
28 Innis akka isaan qubata isaanii keessatti naannoo dunkaanota isaaniitti gad harcaʼan godhe.
Ya sa suka sauka a cikin sansaninsu, ko’ina kewaye da tentunansu.
29 Isaanis nyaatanii quufan; inni waan isaan dharraʼan isaaniif kenneeraatii.
Suka ci har suka sami fiye da abin da ya ishe su, gama ya ba su abin da suka yi kwaɗayi.
30 Garuu utuu isaan nyaata dharraʼan sana hin quufin, utuma nyaanni sun afaan isaanii keessa jiruu,
Amma kafin su juyo daga abincin da suka yi kwaɗayi, kai tun ma yana a bakunansu,
31 dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufe; innis isaan keessaa warra jajjabeeyyii galaafate; dargaggeeyyii Israaʼelis ni fixe.
fushin Allah ya ƙuna a kansu; ya karkashe waɗanda suka fi ƙiba a cikinsu, yana yankan matasan Isra’ila.
32 Isaan waan kana hunda irra darbanii cubbuu hojjechuutti fufan; dinqii isaattis hin amanne.
Duk da haka, suka ci gaba da yin zunubi; duk da abubuwan banmamakinsa, ba su gaskata ba.
33 Kanaafuu inni akka barri isaanii faayidaa malee darbu, akka waggoonni isaaniis sodaadhaan dhuman godhe.
Saboda haka ya sa kwanakinsu suka ƙare a banza shekarunsu kuma cikin masifa.
34 Yeroo Waaqni isaan ajjeese kamitti iyyuu, isaan isa barbaaddatan; isaan ammas fedhiidhaan gara isaatti deebiʼan.
A duk sa’ad da Allah ya kashe su, sai su neme shi; sukan juyo a natse gare shi.
35 Akka Waaqni Kattaa isaanii taʼe, akka Waaqni Waan Hundaa Olii Furii isaanii taʼe yaadatan.
Sun tuna cewa Allah ne Dutsensu, cewa Allah Mafi Ɗaukaka ne Mai fansarsu.
36 Isaan garuu afaan isaaniitiin isa saadan; arraba isaaniitiinis isa soban;
Amma sai su yi ta yin masa zaƙin baki, suna masa ƙarya da harsunansu;
37 garaan isaanii isaaf amanamaa hin turre; isaan kakuu isaatiif hin amanamne.
zukatansu ba sa biyayya gare shi, ba su da aminci ga alkawarinsa.
38 Inni garuu araara qabeessa waan taʼeef, cubbuu isaanii ni dhiiseef malee isaan hin fixne. Inni yeroo yerootti aarii isaa ittifate; dheekkamsa isaa hundaas hin kakaafne.
Duk da haka ya kasance mai jinƙai; ya gafarta laifofinsu bai kuwa hallaka su ba. Sau da sau ya janye fushinsa bai kuwa sa fushinsa yă ƙuna ba.
39 Innis akka isaan nama duʼa hin oolle, qilleensuma darbu kan deebiʼee hin dhufne taʼan yaadate.
Ya tuna cewa su naman jiki ne kawai, iska mai wucewa da ba ta dawowa.
40 Isaan hammam gammoojjii keessatti isatti fincilanii gammoojjii keessattis isa gaddisiisan
Sau da yawa sun tayar masa a cikin hamada suka kuma ɓata masa rai a jeji!
41 Isaan ammumaa amma Waaqa qoran; Qulqullicha Israaʼel sanas ni aarsan.
Sau da sau suka riƙa gwada Allah; suka tsokane Mai Tsarki na Isra’ila.
42 Isaan humna isaa yookaan guyyaa inni itti diinota isaanii jalaa isaan baase hin yaadanne.
Ba su tuna da ikonsa, a ranar da ya fanshe su daga mai danniya,
43 Guyyaa inni itti biyya Gibxi keessatti mallattoo isaa, kutaa Zooʼaan keessatti immoo dinqii isaa argisiise isaan hin yaadanne.
ranar da ya nuna mu’ujizansa a Masar abubuwan banmamakinsa a yankin Zowan ba.
44 Inni lageen isaanii dhiigatti geeddare; isaanis burqaawwan isaanii dhuguu hin dandeenye.
Ya mai da kogunansu suka zama jini; ba su iya sha daga rafuffuka ba.
45 Innis tuuta tisiisaa kan isaan balleessu, fattee isaan barbadeessu itti erge.
Ya aika da tarin ƙudajen da suka cinye su, da kwaɗin da suka wahalshe su.
46 Midhaan isaanii ilmaan hawwaannisaatiif, buʼaa dadhabbii isaanii immoo hawwaannisaaf kenne.
Ya ba da hatsinsu ga fāra, amfanin gonakinsu ga ɗango.
47 Muka wayinii isaanii cabbiidhaan, harbuu isaanii immoo dhaamocha hamaan dhaʼe.
Ya lalace inabinsu da ƙanƙara itatuwan al’ul nasu kuma da jaura.
48 Loon isaanii cabbiif, horii isaanii immoo bakakkaaf dabarsee kenne.
Ya miƙa shanunsu ga ƙanƙara, tumakinsu ga aradun tsawa.
49 Inni ergamoota badiisa fidan isaanitti erguudhaan aarii isaa sodaachisaa, dheekkamsa isaa, dallansuu isaatii fi rakkoo isaanitti gad lakkise.
Ya saki musu fushinsa mai zafi, hasalarsa, zafin rai da kuma ɓacin ransa, ƙungiyar mala’iku masu hallakarwa.
50 Inni aarii isaatiif daandii qopheesse; lubbuu isaanii dabarsee dhaʼichatti kenne malee duʼa isaan hin oolchine.
Ya shirya hanya wa fushinsa; bai tsare ransu daga mutuwa ba amma ya miƙa su ga annoba.
51 Hangafoota Gibxi hunda, ilmaan jalqabatti dhalatanis dunkaana Haam keessatti dhaʼe.
Ya bugi kowane ɗan fari na Masar, mafari ƙarfin mazantakansu a tentunan Ham.
52 Saba isaa garuu akkuma nama bushaayee bobbaasuutti achii baase; akkuma hoolaas gammoojjii keessa isaan geggeesse.
Amma ya fitar da mutanensa kamar garke; ya bi da su kamar tumaki ta cikin hamada.
53 Inni nagaadhaan isaan geggeesse; kanaafuu isaan homaa hin sodaanne; diinota isaanii garuu galaanatu liqimse.
Ya bi da su lafiya ƙalau, don kada su ji tsoro; amma teku ya cinye abokan gābansu.
54 Innis gara daarii biyya isaa qulqulluutti, gara biyya gaaraa kan harki isaa mirgaa fudhateetti isaan galche.
Ta haka ya kawo su iyakar ƙasa mai tsarki, zuwa ƙasar tudun da hannunsa na dama ya kame.
55 Inni ormoota isaan duraa ariʼe; lafa jaraas dhaala godhee isaanii qoode; gosa Israaʼelis dunkaana isaanii keessa qubachiise.
Ya kori al’ummai a gabansu ya rarraba ƙasashensu gare su a matsayin gādo; ya zaunar da kabilan Isra’ila a gidajensu.
56 Isaan garuu Waaqa qoran; Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan; ajaja isaas hin eegne.
Amma suka gwada Allah suka tayar wa Mafi Ɗaukaka; ba su kiyaye ƙa’idodinsa ba.
57 Akkuma abbootii isaanii duubatti deebiʼan; amanamuus ni didan; akka iddaa micciiramaattis jajalʼatan.
Kamar kakanninsu suka zama marasa biyayya da marasa aminci, marar tabbas kamar tanƙwararren baka.
58 Isaan iddoowwan sagadaa isaanii kanneen gaarran irraatiin isa aarsan; waaqota isaanii tolfamoodhaanis hinaaffaadhaaf isa kakaasan.
Suka ba shi haushi da masujadansu na kan tudu; suka tayar da kishinsa da gumakansu.
59 Waaqnis yeroo isaan dhagaʼetti akka malee dheekkame; guutumaan guutuuttis Israaʼelin gate.
Sa’ad da Allah ya ji su, ya yi fushi ƙwarai; ya ƙi Isra’ila gaba ɗaya.
60 Innis iddoo jireenya isaa kan Shiiloo keessaa, dunkaana inni namoota gidduu dhaabbate sanas ni dhiise.
Ya yashe tabanakul na Shilo, tentin da ya kafa a cikin mutane.
61 Humna isaa boojuutti, ulfina isaa immoo harka diinaatti dabarsee kenne.
Ya aika da akwatin alkawarin ƙarfinsa zuwa bauta, darajarsa zuwa cikin hannuwan abokin gāba.
62 Saba isaa dabarsee goraadeef kenne; handhuuraa isaattis akka malee dheekkame.
Ya ba da mutanensa ga takobi; ya yi fushi ƙwarai da gādonsa.
63 Dargaggoota isaanii ibiddatu fixe; durboota isaaniitiifis sirbi heerumaa hin sirbamne;
Wuta ta cinye matasansu maza,’yan matansu kuma ba su da waƙoƙin aure;
64 luboonni isaanii goraadeedhaan dhuman; niitonni dhirsoonni irraa duʼan immoo booʼuu hin dandeenye.
aka karkashe firistocinsu, gwaurayensu kuwa ba su iya makoki ba.
65 Gooftaanis akkuma waan hirribaa dammaquutti, akkuma goota sababii wayiniitiin iyyuuttis dammaqe.
Sa’an nan Ubangiji ya farka sai ka ce daga barcinsa, kamar yadda mutum kan farka daga buguwar ruwan inabi.
66 Inni diinota isaa rukutee duubatti deebise; qaanii bara baraa keessas isaan buuse.
Ya kori abokan gābansa; ya sa suka sha madawwamiyar kunya.
67 Dunkaanota Yoosef ni tuffate; gosa Efreemis hin filanne;
Sa’an nan ya ƙi tentunan Yusuf, bai zaɓi kabilar Efraim ba;
68 inni garuu gosa Yihuudaa, Tulluu Xiyoon kan jaallatu sana ni filate.
amma ya zaɓi kabilar Yahuda, Dutsen Sihiyona, wanda ya ƙaunaci.
69 Mana qulqullummaa isaa akka samii ol dheeraatti, akka lafa bara baraan hundeesseettis ijaare.
Ya gina wurinsa mai tsarki kamar bisa, kamar duniyar da ya kafa har abada.
70 Inni Daawit garbicha isaa ni filate; dallaa hoolotaa keessaas isa waammate;
Ya zaɓi Dawuda bawansa ya kuma ɗauke shi daga ɗakin tumaki;
71 akka inni saba isaa Yaaqoobin, handhuuraa isaa Israaʼelin tiksuuf jedhee hoolota tiksuu irraa isa fide.
daga kiwon tumaki ya kawo shi don yă kuma zama makiyayin mutanensa Yaƙub, na Isra’ila gādonsa.
72 Daawitis garaa qajeelaadhaan isaan tikse; ogummaa harka isaatiinis isaan dura buʼe.
Dawuda kuwa ya zama makiyayinsu da mutuncin zuciya; da hannuwa masu gwaninta ya bi da su.