< Faarfannaa 77 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Asaaf. Ani gargaarsaaf gara Waaqaatti nan iyyadhe; ani akka Waaqni na dhagaʼuuf nan iyyadhe.
亚萨的诗,照耶杜顿的作法,交与伶长。 我要向 神发声呼求; 我向 神发声,他必留心听我。
2 Yeroo rakkina kootiitti Gooftaa nan barbaaddadhe; halkanis utuu hin dadhabin harka koo nan diriirfadhe; lubbuun koos jajjabaachuu didde.
我在患难之日寻求主; 我在夜间不住地举手祷告; 我的心不肯受安慰。
3 Yaa Waaqi, ani yommuun si yaadadhu nan aada; ani irra deddeebiʼee nan yaade; hafuurri koos ni laafe.
我想念 神,就烦燥不安; 我沉吟悲伤,心便发昏。 (细拉)
4 Ati akka iji koo hin dunuunfanne goote; ani akka malee lubbamee dubbachuu iyyuu dadhabe.
你叫我不能闭眼; 我烦乱不安,甚至不能说话。
5 Ani waaʼee bara durii, waaʼee waggoota durii duriis nan yaade;
我追想古时之日, 上古之年。
6 ani halkaniin faarfannaa koo nan yaadadhe. Ani irra deddeebiʼee na yaade; hafuurri koos akkana jedhee qorate:
我想起我夜间的歌曲,扪心自问; 我心里也仔细省察。
7 “Gooftaan bara baraan nama gataa? Inni deebiʼee garaa hin laafuu?
难道主要永远丢弃我, 不再施恩吗?
8 Araarri isaa bara baraan badee? Waadaan isaa bara baraan guutamuu dhabee?
难道他的慈爱永远穷尽, 他的应许世世废弃吗?
9 Waaqni arjoomuu irraanfateeraa? Inni aariidhaan gara laafina isaa dhiiseeraa?”
难道 神忘记开恩, 因发怒就止住他的慈悲吗? (细拉)
10 Anis, “Harki mirgaa kan Waaqa Waan Hundaa Olii jijjiirameera jedhee yaaduun koo, dadhabbii koo ti” nan jedhe.
我便说:这是我的懦弱, 但我要追念至高者显出右手之年代。
11 Ani hojii Waaqayyoo nan yaadadha; dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa.
我要提说耶和华所行的; 我要记念你古时的奇事。
12 Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada; waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.
我也要思想你的经营, 默念你的作为。
13 Yaa Waaqi, karaan kee qulqulluu dha. Waaqni guddaan akka Waaqa keenyaa eessa jira?
神啊,你的作为是洁净的; 有何神大如 神呢?
14 Ati Waaqa hojii dinqii hojjettuu dha; saboota gidduuttis humna kee ni argisiifta.
你是行奇事的 神; 你曾在列邦中彰显你的能力。
15 Irree kee cimaadhaan saba kee, sanyii Yaaqoobii fi sanyii Yoosef furteerta.
你曾用你的膀臂赎了你的民, 就是雅各和约瑟的子孙。 (细拉)
16 Yaa Waaqi, bishaanonni si argan; bishaanonni si arganii sodaatan; tuujubawwan ni hollatan.
神啊,诸水见你, 一见就都惊惶; 深渊也都战抖。
17 Duumessi bishaan gad dhangalaase; samiiwwan ni qaqawweessaʼan; xiyyi kees qixa hundaan balaqqise.
云中倒出水来; 天空发出响声; 你的箭也飞行四方。
18 Bakakkaan kee bubbee hamaa keessaa dhagaʼame; balaqqeesi kee addunyaa ibse; laftis hollattee sochoote.
你的雷声在旋风中; 电光照亮世界; 大地战抖震动。
19 Daandiin kee galaana keessa, karaan kee immoo bishaanota gurguddaa keessa baʼa; garuu faanni kee hin argamne.
你的道在海中; 你的路在大水中; 你的脚踪无人知道。
20 Ati harka Museetii fi harka Arooniin, saba kee akka bushaayeetti geggeessite.
你曾借摩西和亚伦的手引导你的百姓, 好像羊群一般。

< Faarfannaa 77 >