< Faarfannaa 77 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Asaaf. Ani gargaarsaaf gara Waaqaatti nan iyyadhe; ani akka Waaqni na dhagaʼuuf nan iyyadhe.
Kwa mtsogoleri wa mayimbidwe. Potsata mayimbidwe a Yedutuni. Salimo la Asafu. Ndinafuwulira Mulungu kupempha thandizo; ndinafuwula mokweza kwa Mulungu kuti anditcherere khutu.
2 Yeroo rakkina kootiitti Gooftaa nan barbaaddadhe; halkanis utuu hin dadhabin harka koo nan diriirfadhe; lubbuun koos jajjabaachuu didde.
Pamene ndinali pa masautso ndinafunafuna Ambuye; usiku ndinatambasula manja mosalekeza ndipo moyo wanga unakana kutonthozedwa.
3 Yaa Waaqi, ani yommuun si yaadadhu nan aada; ani irra deddeebiʼee nan yaade; hafuurri koos ni laafe.
Ndinakumbukira Inu Mulungu, ndipo ndinabuwula; ndinasinkhasinkha ndipo mzimu wanga unalefuka. (Sela)
4 Ati akka iji koo hin dunuunfanne goote; ani akka malee lubbamee dubbachuu iyyuu dadhabe.
Munagwira zikope zanga kuti ndisagone ndipo ndinavutika kwambiri kuti ndiyankhule.
5 Ani waaʼee bara durii, waaʼee waggoota durii duriis nan yaade;
Ndinaganizira za masiku akale, zaka zamakedzana;
6 ani halkaniin faarfannaa koo nan yaadadhe. Ani irra deddeebiʼee na yaade; hafuurri koos akkana jedhee qorate:
Ndinakumbukira nyimbo zanga usiku. Mtima wanga unasinkhasinkha ndipo mzimu wanga unafunsa kuti,
7 “Gooftaan bara baraan nama gataa? Inni deebiʼee garaa hin laafuu?
“Kodi Ambuye adzatikana mpaka muyaya? Kodi Iwo sadzaonetsanso kukoma mtima kwawo?
8 Araarri isaa bara baraan badee? Waadaan isaa bara baraan guutamuu dhabee?
Kodi Chikondi chake chosatha chija chatheratu? Kodi malonjezo ake alephera nthawi yonse?
9 Waaqni arjoomuu irraanfateeraa? Inni aariidhaan gara laafina isaa dhiiseeraa?”
Kodi Mulungu wayiwala kukhala wokoma mtima? Kodi mu mkwiyo wake waleka chifundo chake?”
10 Anis, “Harki mirgaa kan Waaqa Waan Hundaa Olii jijjiirameera jedhee yaaduun koo, dadhabbii koo ti” nan jedhe.
Ndipo ndinaganiza, “Pa izi ine ndidzapemphanso: zaka za dzanja lamanja la Wammwambamwamba.
11 Ani hojii Waaqayyoo nan yaadadha; dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa.
Ine ndidzakumbukira ntchito za Yehova; Ine ndidzakumbukira zodabwitsa zanu za kalekale.
12 Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada; waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.
Ndidzakumbukira ntchito zanu ndi kulingalira zodabwitsa zanu.”
13 Yaa Waaqi, karaan kee qulqulluu dha. Waaqni guddaan akka Waaqa keenyaa eessa jira?
Njira zanu Mulungu ndi zoyera. Kodi ndi mulungu uti ali wamkulu kuposa Mulungu wathu?
14 Ati Waaqa hojii dinqii hojjettuu dha; saboota gidduuttis humna kee ni argisiifta.
Inu ndinu Mulungu wochita zodabwitsa; Mumaonetsera mphamvu yanu pakati pa mitundu ya anthu.
15 Irree kee cimaadhaan saba kee, sanyii Yaaqoobii fi sanyii Yoosef furteerta.
Ndi dzanja lanu lamphamvu munawombola anthu anu, zidzukulu za Yakobo ndi Yosefe. (Sela)
16 Yaa Waaqi, bishaanonni si argan; bishaanonni si arganii sodaatan; tuujubawwan ni hollatan.
Madzi anakuonani Mulungu, madzi anakuonani ndipo anachita mantha; nyanja yozama inakomoka.
17 Duumessi bishaan gad dhangalaase; samiiwwan ni qaqawweessaʼan; xiyyi kees qixa hundaan balaqqise.
Mitambo inakhuthula madzi ake pansi, mu mlengalenga munamveka mabingu; mivi yanu inawuluka uku ndi uku.
18 Bakakkaan kee bubbee hamaa keessaa dhagaʼame; balaqqeesi kee addunyaa ibse; laftis hollattee sochoote.
Bingu lanu linamveka mʼmphepo ya kamvuluvulu, mphenzi yanu inawalitsa dziko lonse; dziko lapansi linanjenjemera ndi kugwedezeka.
19 Daandiin kee galaana keessa, karaan kee immoo bishaanota gurguddaa keessa baʼa; garuu faanni kee hin argamne.
Njira yanu inadutsa pa nyanja, njira yanu inadutsa pa madzi amphamvu, ngakhale zidindo za mapazi anu sizinaoneke.
20 Ati harka Museetii fi harka Arooniin, saba kee akka bushaayeetti geggeessite.
Inu munatsogolera anthu anu ngati gulu la nkhosa mwa dzanja la Mose ndi Aaroni.

< Faarfannaa 77 >