< Faarfannaa 76 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Faarfannaa Asaaf. Yihuudaa keessatti Waaqni beekamaa dha; maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha.
Mungu amefanya mwenyewe kujulikana katika Yuda; jina lake ni kuu katika Israeli.
2 Dunkaanni isaa Saalem keessa, iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira.
Hema yake iko salemu; makao yake yako yako Sayuni.
3 Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi meeshaawwan waraanaa caccabse.
Huko ndiko alivunja mishale ya upinde, ngao, upanga, na silaha zingine za vita. (Selah)
4 Ati ifa uffattee miidhagdeerta; ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa.
Wewe unang'aa sana na huufunua utukufu wako, ushukapo kutoka milimani, ambako uliwauwa mateka.
5 Gootonni boojiʼamaniiru; hirribaanis fudhatamaniiru; duultota keessaas namni tokko iyyuu harka sochoofachuu hin dandeenye.
Wenye moyo shujaa walitekwa nyara; walilala mauti. Mashujaa wote walikuwa wanyonge.
6 Yaa Waaqa Yaaqoob, ifannaa keetiin fardeenii fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru.
Kwa kukemea kwako, ewe Mungu wa Yakobo, wote gari na farasi walilala mauti.
7 Siʼi qofatu sodaatamuu qaba. Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa?
Wewe, ndiyo wewe, ni wa kuogopwa; ni nani awezaye kusimama mbele yako wakati ukiwa na hasira?
8 Ati samii irraa murtii kennite; laftis ni sodaatte; ni calʼiftes;
Kutoka mbinguni wewe uliifanya hukumu yako isikike; nchi iliogopa na ikaa kimya
9 yaa Waaqi, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf, rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe.
wakati wewe, Mungu, ulipoinuka kutekeleza hukumu na kuwaokoa wote wa nchi walio onewa. (Selah)
10 Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida; warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta.
Hakika hukumu ya hasira yako dhidi ya binadamu itakuletea wewe sifa; wewe hujifunga mwenyewe hasira yako iliyo baki.
11 Waaqayyo Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa; warri naannoo isaa jiraatan hundinuus Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan.
Wekeni nadhiri kwa Yahwe Mungu wenu na kuzihifadhi. Nao wote wamzungukao yeye mleteeni zawadi yeye ambaye ni wa kuogopwa.
12 Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa; mootonni lafaas isa sodaatu.
Yeye huzikata roho za wakuu; huogopwa na wafalme wa nchi.

< Faarfannaa 76 >