< Faarfannaa 76 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Faarfannaa Asaaf. Yihuudaa keessatti Waaqni beekamaa dha; maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha.
IN Judah is God known: his name is great in Israel.
2 Dunkaanni isaa Saalem keessa, iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira.
In Salem also is his tabernacle, and his dwelling place in Zion.
3 Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi meeshaawwan waraanaa caccabse.
There brake he the arrows of the bow, the shield, and the sword, and the battle. (Selah)
4 Ati ifa uffattee miidhagdeerta; ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa.
Thou art more glorious and excellent than the mountains of prey.
5 Gootonni boojiʼamaniiru; hirribaanis fudhatamaniiru; duultota keessaas namni tokko iyyuu harka sochoofachuu hin dandeenye.
The stouthearted are spoiled, they have slept their sleep: and none of the men of might have found their hands.
6 Yaa Waaqa Yaaqoob, ifannaa keetiin fardeenii fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru.
At thy rebuke, O God of Jacob, both the chariot and horse are cast into a dead sleep.
7 Siʼi qofatu sodaatamuu qaba. Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa?
Thou, even thou, art to be feared: and who may stand in thy sight when once thou art angry?
8 Ati samii irraa murtii kennite; laftis ni sodaatte; ni calʼiftes;
Thou didst cause judgment to be heard from heaven; the earth feared, and was still,
9 yaa Waaqi, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf, rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe.
When God arose to judgment, to save all the meek of the earth. (Selah)
10 Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida; warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta.
Surely the wrath of man shall praise thee: the remainder of wrath shalt thou restrain.
11 Waaqayyo Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa; warri naannoo isaa jiraatan hundinuus Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan.
Vow, and pay unto the Lord your God: let all that be round about him bring presents unto him that ought to be feared.
12 Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa; mootonni lafaas isa sodaatu.
He shall cut off the spirit of princes: he is terrible to the kings of the earth.

< Faarfannaa 76 >