< Faarfannaa 75 >
1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Yeedaloo, “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi, nu si galateeffanna; sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina; namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu.
Alabarte hemos, o! Dios, alabar te hemos; que cercano está tu nombre: cuenten todos tus maravillas.
2 Ati akkana jetta; “Ani yeroo murteeffame nan filadha; kan qajeelummaadhaan muru ana.
Cuando yo tuviere tiempo, yo juzgaré rectamente.
3 Yommuu laftii fi sabni ishee hundi raafamanitti, kan utubaa ishee jabeessee qabu ana.
La tierra se arruinaba, y sus moradores: yo compuse sus columnas. (Selah)
4 Ani of tuultotaan akkana nan jedha; ‘Of hin jajinaa.’ Hamootaanis, ‘Gaanfa keessan ol hin qabatinaa.
Dije a los malvados: No os enloquezcáis: y a los impíos: No alcéis el cuerno.
5 Gaanfa keessan samiitti hin kaasinaa; morma keessan dheereffattanii hin dubbatinaa.’”
No levantéis en alto vuestro cuerno; no habléis con cerviz gruesa.
6 Ulfinni baʼa biiftuutii yookaan lixa biiftuutii yookaan lafa onaatii hin dhufuutii.
Porque ni de oriente, ni de occidente, ni del desierto viene el ensalzamiento.
7 Garuu kan murtii kennu Waaqa; inni nama tokko gad buusa; kaan immoo ol baasa.
Porque Dios, que es el juez; a este abate, y a aquel ensalza.
8 Harka Waaqayyoo keessa, xoofoo wayinii urgooftuudhaan walitti makame kan hoomachaan guutame tokkotu jira; inni wayinii sana gad naqa; hamoonni lafaa hundinuu utuu siicoo isaa illee hin hambisin xuruurfatanii dhugu.
Que el cáliz está en la mano de Jehová, y lleno de vino bermejo de mistura, y él derrama de aquí: ciertamente sus heces chuparán, y beberán todos los impíos de la tierra.
9 Ani garuu bara baraan waan kana nan labsa; Waaqa Yaaqoobis nan faarfadha.
Y yo anunciaré siempre: cantaré alabanzas al Dios de Jacob.
10 Gaanfa hamoota hundaa nan caccabsa; gaanfi qajeeltotaa garuu ol ol jedha.
Y quebraré todos los cuernos de los pecadores: y los cuernos del justo serán ensalzados.