< Faarfannaa 74 >
1 Maskiilii Asaaf. Yaa Waaqi, ati maaliif bara baraan nu gatte? Aariin kee maaliif hoolota ati bobbaafte irratti akka malee bobaʼa?
A maschil of Asaph. God, why have you rejected us forever? Why does your anger burn against the sheep of your pasture?
2 Saba ati dur filatte, gosa dhaala keetii, warra ati furte, Tulluu Xiyoon iddoo ati jiraattes yaadadhu.
Call to mind your people, whom you purchased in ancient times, the tribe whom you have redeemed to be your own heritage, and Mount Zion, where you live.
3 Tarkaanfii kee gara waan bara baraan diigameetti qajeelfadhu; diinni waan mana qulqullummaa keessa jiru hunda barbadeesseera.
Come look at the complete ruins, all the damage that the enemy has done in the holy place.
4 Diinonni kee iddoo qulqulluu kee keessatti bookkisan; mallattoo isaaniis mallattoo godhanii dhaabbatan.
Your adversaries roared in the middle of your appointed place; they set up their battle flags.
5 Isaan nama bosona keessatti muka muruuf qottoo ol fudhatu fakkaatu.
They hacked away with axes as in a thick forest.
6 Isaanis waan soofame hunda, qottoo fi burrusaan caccabsan.
They smashed and broke down all the engravings; they broke them with axes and hammers.
7 Isaan mana qulqullummaa kee guban; lafa jireenya Maqaa keetiis ni xureessan.
They set your sanctuary on fire; they desecrated where you live, knocking it to the ground.
8 Garaa isaanii keessatti, “Nu guutumaan guutuutti isaan barbadeessina!” jedhan. Iddoo Waaqni biyyattii keessatti itti waaqeffamaa ture hundumas ni guban.
They said in their hearts, “We will destroy them all.” They burned up all of your meeting places in the land.
9 Mallattoon dinqii nuu hin kennamne; siʼachi raajiin tokko illee hin jiru; wanni kun hamma yoomiitti akka turu nu keessaa namni beeku hin jiru.
We do not see any more signs; there is no prophet any more, and no one among us knows how long this will last.
10 Yaa Waaqi, hamma yoomiitti diinni sitti qoosa? Amajaajiinis bara baraan maqaa kee xureessaa?
How long, God, will the enemy throw insults at you? Will the enemy blaspheme your name forever?
11 Ati maaliif harka kee, harka kee mirgaa dachaafatta? Harka kee bobaa jalaa baafadhuutii isaan barbadeessi!
Why do you hold back your hand, your right hand? Take your right hand from your garment and destroy them.
12 Yaa Waaqi, ati durumaa jalqabdee mootii koo ti; lafa irrattis hojii fayyinaa hojjetta.
Yet God has been my king from ancient times, bringing salvation on the earth.
13 Situ humna keetiin galaana gargar qoode; ati bishaan keessattis mataa bineensa jawwee fakkaatuu caccabsite.
You divided the sea by your strength; you smashed the heads of the sea monsters in the waters.
14 Situ mataa Lewaataan caccabsee nyaata godhee uumamawwan gammoojjii jiraataniif kenne.
You crushed the heads of leviathan; you fed him to those living in the wilderness.
15 Situ burqaawwanii fi bishaan yaaʼuuf karaa bane; ati laga yeroo hunda yaaʼu illee gogsiteerta.
You broke open springs and streams; you dried up flowing rivers.
16 Guyyaan kan kee ti; halkanis keetuma; ati aduu fi jiʼa uumteerta.
The day is yours, and the night is yours also; you set the sun and moon in place.
17 Situ daarii lafaa hunda dhaabe; ati bonaa fi ganna uumteerta.
You have set all the borders of the earth; you have made summer and winter.
18 Yaa Waaqayyo, akkamitti akka diinni sitti qoosu, akkamitti akka namoonni gowwoonnis maqaa kee xureessan yaadadhu.
Call to mind how the enemy hurled insults at you, Yahweh, and that a foolish people has blasphemed your name.
19 Lubbuu gugee keetii dabarsitee bineensa bosonaatti hin kennin; jireenya saba kee hiyyoomee bara baraan hin irraanfatin.
Do not give the life of your dove to a wild animal. Do not forget forever the life of your oppressed people.
20 Kakuu kee eegi; iddoon lafaa dukkanaaʼaan hundinuu gooliidhaan guutameeraatii.
Remember your covenant, for the dark regions of the land are full of places of violence.
21 Warri cunqurfaman qaanaʼanii duubatti hin deebiʼin; hiyyeeyyii fi rakkattoonni maqaa kee haa galateeffatan.
Do not let the oppressed be turned back in shame; let the poor and oppressed praise your name.
22 Yaa Waaqi kaʼi; dubbii kees falmadhu; akka gowwoonni guyyaa guutuu sitti qoosan yaadadhu.
Arise, God; defend your own honor; call to mind how fools insult you all day long.
23 Dhaadachuu diinota keetii, bookkisuu diina keetii kan gargar hin cinne sana hin dagatin.
Do not forget the voice of your adversaries or the uproar of those who continually defy you.