< Faarfannaa 73 >

1 Faarfannaa Asaaf. Dhugumaan Waaqni Israaʼeliif, warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha.
Hakika Mungu ni mwema kwa Israeli, kwa wale walio na moyo safi.
2 Ani garuu miilli koo gufachuu gaʼee, faanni koos mucucaachuu gaʼee ture.
Lakini kwangu mimi, kidogo tu miguu yangu iteleze; miguu yangu karibu iteleze kutoka kwangu
3 Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti, of tuultotatti hinaafeen tureetii.
kwa sababu niliwaonea wivu wenye kiburi nilipoona mafanikio ya waovu.
4 Isaan hin dhiphatan; dhagni isaaniis fayyaa dha; cimaa dhas.
Kwa maana hawana maumivu hadi kufa kwao, lakini wana nguvu na wameshiba.
5 Rakkinni nama biraatti dhufu isaanitti hin dhufu; isaan akka namoota kaanii dhukkubaan hin dhaʼaman.
Wako huru dhidi ya mizigo ya watu wengine; nao hawateswi kama watu wengine.
6 Kanaafuu of tuulummaan faaya morma isaanii ti; fincilas akka wayyaatti uffatu.
Kiburi kinawapamba kama mkufu kwenye shingo zao; jeuri huwavika kama vazi.
7 Iji isaanii coomee alatti dhiibama; hamminni isaan garaatti yaadan dhuma hin qabu.
Katika upofu wa jinsi hii dhambi huja; mawazo maovu hupita mioyoni mwao.
8 Isaan ni qoosu; hamminas ni dubbatu; of tuulaa cunqursaadhaan nama doorsisu.
Wao hudhihaki na kuongea kwa namna ya uovu; kwa kiburi chao hutishia mateso.
9 Afaan isaanii samii falmata; arrabni isaaniis lafa dhaala.
Wameweka vinywa vyao dhidi ya mbingu, na ndimi zao hutanga tanga duniani.
10 Kanaafuu sabni gara isaaniitti dachaʼee bishaan baayʼee dhuga.
Kwa hiyo watu wake huwageukia na maji yaliyojaa hukaushwa.
11 Isaanis, “Waaqni akkamitti beekuu dandaʼaa? Waaqni Waan Hundaa Olii beekumsa qabaa?” jedhu.
Nao husema, “Mungu anajuaje? Yako maarifa kwake yeye aliye juu?”
12 Egaa namoonni hamoon akkana; isaan yeroo hunda yaaddoo malee jiraatu; badhaadhummaanis guddachaa deemu.
Fahamu: watu hawa ni waovu; mara zote hawajali, wakifanyika matajiri na matajiri.
13 Yoos ani akkasumaan garaa koo qulqullinaan eeggadhee harka koos akkasumaan dhiqadhe kaa!
Hakika nimeutunza moyo wangu bure na nimenawa mikono yangu pasipo kukosa.
14 Ani guyyaa guutuu dhaʼameera; ganama ganamas adabameera.
Maana mchana kutwa nimeteswa na kuadhibiwa kila asubuhi.
15 Ani utuu, “Akkana nan dubbadha” jedhee jiraadhee silaa ijoollee kee nan yakkan ture.
Kama ningesema, “Ningesema mambo haya,” kumbe nigewasaliti kizazi hiki cha watoto wenu.
16 Garuu yommuu ani waan kana hunda hubachuu yaaletti, wanni kun hojii dadhabsiisaa natti taʼe.
Ingawa nilijaribu kuyaelewa mambo haya, yalikuwa ni magumu sana kwangu.
17 Kunis hamma ani iddoo qulqullummaa Waaqaa seenutti ture; ergasiis ani galgala isaanii nan hubadhe.
Ndipo nilipoingia patakatifu pa Mungu na kuelewa hatma yao.
18 Dhugumaan ati iddoo mucucaataa irra isaan dhaabde; akka isaan kufanii caccabaniifis gad isaan darbatte.
Hakika wewe huwaweka penye utelezi; huwaangusha mpaka palipoharibika.
19 Isaan akkamiin guutumaan guutuutti sodaadhaan fudhatamanii akkuma tasaa barbadaaʼan!
Jinsi gani wamekuwa ukiwa kwa muda mfupi! Wamefika mwisho nao wamemaliza kwa utisho.
20 Akkuma abjuun yeroo namni hirribaa dammaqutti taʼu sana, atis yaa Gooftaa, akkasuma yommuu ol kaatu, hawwii garaa isaanii ni busheessita.
Wao ni kama ndoto wakati wa mtu kuamka; Bwana, utakapo inuka, utazidharau ndoto zao.
21 Yommuu lubbuun koo gadditee onneen koos waraanamtetti,
Maana moyo wangu ulipata uchungu, nami nilijeruhiwa sana.
22 ani gowwaa fi wallaalaan ture; fuula kee durattis akka horii nan taʼe.
Nilikuwa mjinga na sijui neno; nilikuwa kama mnyama tu mbele yako.
23 Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira; atis harka koo mirgaa ni qabda.
Lakini mimi nipo pamoja nawe daima; umenishika mkono wa kuume.
24 Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita.
Utaniongoza kwa shauri lako na baadaye utanipokea katika utukufu.
25 Ani samii keessaa eenyunan qaba? Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.
Ni nani niliye naye mbinguni isipokuwa wewe? Hakuna nimtamaniye duniani isipokuwa wewe.
26 Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo.
Mwili wangu na moyo wangu huwa dhaifu, bali Mungu ndiye nguvu ya moyo wangu daima.
27 Warri sirraa fagoo jiran ni badu; atis warra siif hin amanamne hunda ni balleessita.
Wale walio mbali nawe wataangamia; utawaangamiza wote wasio waaminifu kwako.
28 Akka ani yaadutti garuu Waaqatti dhiʼaachuun gaarii dha; Waaqayyo Gooftaa daʼoo koo godhadheera; ani hojii kee hunda nan labsa.
Lakini mimi, linipasalo kufanya ni kumkaribia Mungu. Nimemfanya Bwana Yahwe kimbilio langu. Nami nitayatangaza matendo yako yote.

< Faarfannaa 73 >