< Faarfannaa 73 >
1 Faarfannaa Asaaf. Dhugumaan Waaqni Israaʼeliif, warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha.
A Psalm of Asaph. Surely God is good to Israel, [even] to such as are pure in heart.
2 Ani garuu miilli koo gufachuu gaʼee, faanni koos mucucaachuu gaʼee ture.
But as for me, my feet were almost gone; my steps had well nigh slipped.
3 Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti, of tuultotatti hinaafeen tureetii.
For I was envious at the arrogant, when I saw the prosperity of the wicked.
4 Isaan hin dhiphatan; dhagni isaaniis fayyaa dha; cimaa dhas.
For there are no bands in their death: but their strength is firm.
5 Rakkinni nama biraatti dhufu isaanitti hin dhufu; isaan akka namoota kaanii dhukkubaan hin dhaʼaman.
They are not in trouble as [other] men; neither are they plagued like [other] men.
6 Kanaafuu of tuulummaan faaya morma isaanii ti; fincilas akka wayyaatti uffatu.
Therefore pride is as a chain about their neck; violence covereth them as a garment.
7 Iji isaanii coomee alatti dhiibama; hamminni isaan garaatti yaadan dhuma hin qabu.
Their eyes stand out with fatness: they have more than heart could wish.
8 Isaan ni qoosu; hamminas ni dubbatu; of tuulaa cunqursaadhaan nama doorsisu.
They scoff, and in wickedness utter oppression: they speak loftily.
9 Afaan isaanii samii falmata; arrabni isaaniis lafa dhaala.
They have set their mouth in the heavens, and their tongue walketh through the earth.
10 Kanaafuu sabni gara isaaniitti dachaʼee bishaan baayʼee dhuga.
Therefore his people return hither: and waters of a full [cup] are wrung out by them.
11 Isaanis, “Waaqni akkamitti beekuu dandaʼaa? Waaqni Waan Hundaa Olii beekumsa qabaa?” jedhu.
And they say, How doth God know? and is there knowledge in the Most High?
12 Egaa namoonni hamoon akkana; isaan yeroo hunda yaaddoo malee jiraatu; badhaadhummaanis guddachaa deemu.
Behold, these are the wicked; and, being alway at ease, they increase in riches.
13 Yoos ani akkasumaan garaa koo qulqullinaan eeggadhee harka koos akkasumaan dhiqadhe kaa!
Surely in vain have I cleansed my heart, and washed my hands in innocency;
14 Ani guyyaa guutuu dhaʼameera; ganama ganamas adabameera.
For all the day long have I been plagued, and chastened every morning.
15 Ani utuu, “Akkana nan dubbadha” jedhee jiraadhee silaa ijoollee kee nan yakkan ture.
If I had said, I will speak thus; behold, I had dealt treacherously with the generation of thy children.
16 Garuu yommuu ani waan kana hunda hubachuu yaaletti, wanni kun hojii dadhabsiisaa natti taʼe.
When I thought how I might know this, it was too painful for me;
17 Kunis hamma ani iddoo qulqullummaa Waaqaa seenutti ture; ergasiis ani galgala isaanii nan hubadhe.
Until I went into the sanctuary of God, and considered their latter end.
18 Dhugumaan ati iddoo mucucaataa irra isaan dhaabde; akka isaan kufanii caccabaniifis gad isaan darbatte.
Surely thou settest them in slippery places: thou castest them down to destruction.
19 Isaan akkamiin guutumaan guutuutti sodaadhaan fudhatamanii akkuma tasaa barbadaaʼan!
How are they become a desolation in a moment! they are utterly consumed with terrors.
20 Akkuma abjuun yeroo namni hirribaa dammaqutti taʼu sana, atis yaa Gooftaa, akkasuma yommuu ol kaatu, hawwii garaa isaanii ni busheessita.
As a dream when one awaketh; so, O Lord, when thou awakest, thou shalt despise their image.
21 Yommuu lubbuun koo gadditee onneen koos waraanamtetti,
For my heart was grieved, and I was pricked in my reins:
22 ani gowwaa fi wallaalaan ture; fuula kee durattis akka horii nan taʼe.
So brutish was I, and ignorant; I was [as] a beast before thee.
23 Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira; atis harka koo mirgaa ni qabda.
Nevertheless I am continually with thee: thou hast holden my right hand.
24 Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita.
Thou shalt guide me with thy counsel, and afterward receive me to glory.
25 Ani samii keessaa eenyunan qaba? Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.
Whom have I in heaven [but thee]? and there is none upon earth that I desire beside thee.
26 Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo.
My flesh and my heart faileth: [but] God is the strength of my heart and my portion for ever.
27 Warri sirraa fagoo jiran ni badu; atis warra siif hin amanamne hunda ni balleessita.
For, lo, they that are far from thee shall perish: thou hast destroyed all them that go a whoring from thee.
28 Akka ani yaadutti garuu Waaqatti dhiʼaachuun gaarii dha; Waaqayyo Gooftaa daʼoo koo godhadheera; ani hojii kee hunda nan labsa.
But it is good for me to draw near unto God: I have made the Lord GOD my refuge, that I may tell of all thy works.