< Faarfannaa 72 >

1 Faarfannaa Solomoon. Yaa Waaqi, murtii kee mootiidhaaf, qajeelumma kee immoo ilma mootiitiif kenni.
所罗门的诗。 神啊,求你将判断的权柄赐给王, 将公义赐给王的儿子。
2 Innis saba keetiif qajeelummaadhaan murteessa; hiyyeeyyiifis murtii qajeelaa kenna.
他要按公义审判你的民, 按公平审判你的困苦人。
3 Tulluuwwan badhaadhummaa, gaarran immoo ija qajeelummaa sabaaf haa fidan.
大山小山都要因公义使民得享平安。
4 Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; ijoollee rakkattootaa ni oolcha; cunqursituu immoo ni barbadeessa.
他必为民中的困苦人伸冤, 拯救穷乏之辈, 压碎那欺压人的。
5 Namoonni hamma aduun jiraattuu fi hamma jiʼi jiraatutti, dhalootaa hamma dhalootaatti si sodaatu.
太阳还存,月亮还在, 人要敬畏你,直到万代!
6 Inni akkuma bokkaa marga haamame irratti roobuu, akkuma tiifuu lafa jiisuuttis ni dhufa.
他必降临,像雨降在已割的草地上, 如甘霖滋润田地。
7 Bara isaa keessa qajeelummaan ni daraara; nageenyis hamma jiʼi dhabamutti ni baayʼata.
在他的日子,义人要发旺, 大有平安,好像月亮长存。
8 Innis galaanaa hamma galaanaatti, Laga Efraaxiisii hamma moggaa lafaatti ni bulcha.
他要执掌权柄,从这海直到那海, 从大河直到地极。
9 Warri gammoojjii keessa jiraatan fuula isaa duratti ni sagadu; diinonni isaas biyyoo arraabu.
住在旷野的,必在他面前下拜; 他的仇敌必要舔土。
10 Mootonni Tarshiishii fi mootonni biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu; mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf.
他施和海岛的王要进贡; 示巴和西巴的王要献礼物。
11 Mootonni hundinuus isaaf ni sagadu; saboonni hundinuus isa ni tajaajilu.
诸王都要叩拜他; 万国都要事奉他。
12 Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu, hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii.
因为,穷乏人呼求的时候,他要搭救; 没有人帮助的困苦人,他也要搭救。
13 Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa; nama rakkataas duʼa jalaa baasa.
他要怜恤贫寒和穷乏的人, 拯救穷苦人的性命。
14 Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura; dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii.
他要救赎他们脱离欺压和强暴; 他们的血在他眼中看为宝贵。
15 Umuriin isaa haa dheeratu; warqeen Shebaa isaaf haa kennamu. Yeroo hunda Waaqa isaaf haa kadhatan; guyyaa guutuus isa haa eebbisan.
他们要存活。 示巴的金子要奉给他; 人要常常为他祷告,终日称颂他。
16 Lafa irratti midhaan akka malee haa baayʼatu; fiixee tulluuwwanii irras asii fi achi haa raafamu. Iji isaa akka Libaanoon haa tolu; akka marga lafaas haa misu.
在地的山顶上,五谷必然茂盛; 所结的谷实要响动,如黎巴嫩的树林; 城里的人要发旺,如地上的草。
17 Maqaan isaa bara baraan haa jiraatu; Akkuma aduus itti fufee haa jiraatu. Saboonni hundinuu isaan ni eebbifamu; jarris eebbifamaa jedhaanii isa waamu.
他的名要存到永远, 要留传如日之久。 人要因他蒙福; 万国要称他有福。
18 Inni kophaa isaa waan dinqii hojjetu, Waaqayyo Waaqni, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
独行奇事的耶和华—以色列的 神 是应当称颂的!
19 Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu; lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu.
他荣耀的名也当称颂,直到永远。 愿他的荣耀充满全地! 阿们!阿们!
20 Kadhannaan Daawit ilma Isseey as irratti xumurame.
耶西的儿子—大卫的祈祷完毕。

< Faarfannaa 72 >