< Faarfannaa 71 >

1 Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera; ati gonkumaa na hin qaanessin.
בך-יהוה חסיתי אל-אבושה לעולם
2 Qajeelummaa keetiin na baasi; na oolchis; gurra kee gara kootti qabi; na fayyisis.
בצדקתך תצילני ותפלטני הטה-אלי אזנך והושיעני
3 Ati kattaa ani kooluu itti galu, iddoo ani yeroo hunda itti baqadhu naa taʼi; ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef, na baraaruuf ajaja kenni.
היה לי לצור מעון לבוא-- תמיד צוית להושיעני כי-סלעי ומצודתי אתה
4 Yaa Waaqa ko, harka nama hamaa, qabaa nama jalʼaatii fi gara jabeessaa keessaa na baasi.
אלהי--פלטני מיד רשע מכף מעול וחומץ
5 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati abdii kootii; ijoollummaa kootii kaaftees ati Waaqa ani amanadhuu dha.
כי-אתה תקותי אדני יהוה מבטחי מנעורי
6 Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera; gadameessa haadha koo keessaas situ na baase. Ani yeroo hunda sin galateeffadha.
עליך נסמכתי מבטן--ממעי אמי אתה גוזי בך תהלתי תמיד
7 Ani namoota baayʼeedhaaf mallattoo taʼeera; ati garuu daʼoo koo isa jabaa dha.
כמופת הייתי לרבים ואתה מחסי-עז
8 Afaan koo guyyaa guutuu, galataa fi ulfina keetiin guutama.
ימלא פי תהלתך כל-היום תפארתך
9 Yeroo ani dulloomutti ati na hin gatin; yeroo humni koo dhumuttis na hin dhiisin.
אל-תשליכני לעת זקנה ככלות כחי אל-תעזבני
10 Diinonni koo natti mariʼatuutii; warri na ajjeesuuf riphanii eeggatanis walii wajjin natti mariʼatu.
כי-אמרו אויבי לי ושמרי נפשי נועצו יחדו
11 Isaanis, “Waaqni isa dhiiseera; namni isa oolchu tokko iyyuu hin jiruutii faana buʼaatii qabaa” jedhu.
לאמר אלהים עזבו רדפו ותפשוהו כי-אין מציל
12 Yaa Waaqi, narraa hin fagaatin; yaa Waaqa ko, na gargaaruuf dafii kottu.
אלהים אל-תרחק ממני אלהי לעזרתי חישה (חושה)
13 Warri na himatan qaanaʼanii haa badan; warri na miidhuu barbaadanis tuffii fi salphina haa uffatan.
יבשו יכלו שטני נפשי יעטו חרפה וכלמה--מבקשי רעתי
14 Ani garuu yeroo hundumaa abdii qaba; ittuma caalchisees sin galateeffadha.
ואני תמיד איחל והוספתי על-כל-תהלתך
15 Ani yoo hammam akka inni gaʼu beekuu baadhe illee, afaan koo waaʼee qajeelummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii guyyaa guutuu ni odeessa.
פי יספר צדקתך--כל-היום תשועתך כי לא ידעתי ספרות
16 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani dhufee hojii kee humna qabeessa sana nan odeessa; ani qajeelummaa kee qofa labsa.
אבוא--בגברות אדני יהוה אזכיר צדקתך לבדך
17 Yaa Waaqi, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiifteerta; anis hamma harʼaatti hojii kee dinqisiisaa sana nan labsa.
אלהים למדתני מנעורי ועד-הנה אגיד נפלאותיך
18 Yaa Waaqayyo, yeroo ani dulloomee mataan koo arrii taʼutti illee, hamma ani humna kee dhaloota kanatti, jabina kees dhaloota dhufuuf jiru hundatti labsuutti, ati na hin dhiisin.
וגם עד-זקנה ושיבה-- אלהים אל-תעזבני עד-אגיד זרועך לדור לכל-יבוא גבורתך
19 Yaa Waaqi, qajeelummaan kee samiiwwan bira gaʼa; ati waan gurguddaa hojjetteerta; yaa Waaqi, kan akka keetii eenyu?
וצדקתך אלהים עד-מרום אשר-עשית גדלות אלהים מי כמוך
20 Ati rakkinaa fi dhiphina baayʼee na argisiifteerta; taʼus jireenya koo deebiftee ni haaromsita, qilee lafaa keessaas deebiftee ol na baafta.
אשר הראיתנו (הראיתני) צרות רבות-- ורעות תשוב תחינו (תחיני) ומתהמות הארץ תשוב תעלני
21 Ulfina koo ni guddifta; amma illee na jajjabeessita.
תרב גדלתי ותסב תנחמני
22 Yaa Waaqa ko, ani amanamummaa keetiif, kiraaraan sin faarfadha; Yaa Qulqullicha Israaʼel ani kiraaraan faarfannaa galataa siif faarfadha.
גם-אני אודך בכלי-נבל-- אמתך אלהי אזמרה לך בכנור-- קדוש ישראל
23 Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo, lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.
תרננה שפתי כי אזמרה-לך ונפשי אשר פדית
24 Warri na miidhuu barbaadan, waan qaanaʼanii burjaajaʼaniif arrabni koo guyyaa guutuu qajeelummaa kee odeessa.
גם-לשוני-- כל-היום תהגה צדקתך כי-בשו כי-חפרו מבקשי רעתי

< Faarfannaa 71 >