< Faarfannaa 70 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti. Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu; yaa Waaqayyo, na gargaaruuf dafii kottu.
聖歌隊の指揮者によってうたわせたダビデの記念の歌 神よ、みこころならばわたしをお救いください。主よ、すみやかにわたしをお助けください。
2 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; warri badii koo hawwan hundi qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
わたしのいのちをたずね求める者どもを恥じあわてさせてください。わたしのそこなわれることを願う者どもをうしろに退かせ、恥を負わせてください。
3 Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
「あはぁ、あはぁ」と言う者どもを自分の恥によって恐れおののかせてください。
4 Warri si barbaadan hundinuu garuu sitti gammadanii haa ililchan; warri fayyisuu kee jaallatan, yeroo hunda, “Waaqni guddaa dha!” haa jedhan.
すべてあなたを尋ね求める者はあなたによって喜び楽しむように。あなたの救を愛する者はつねに「神は大いなるかな」ととなえるように。
5 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; yaa Waaqi, dafii na qaqqabi. Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqayyo hin turin.
しかし、わたしは貧しく、かつ乏しい。神よ、急いでわたしに来てください。あなたはわが助け、わが救主です。主よ、ためらわないでください。

< Faarfannaa 70 >