< Faarfannaa 7 >

1 Shiigaayoonni Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee Waaqayyoof faarfate. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala; warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis; 2 yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti, akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus. 3 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe yoo harka koo keessa yakki jiraate, 4 yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe, yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe, 5 diinni koo ariʼee na haa qabatu; jireenya koo lafatti haa dhidhiitu; ulfina koos awwaara keessa haa buusu. 6 Yaa Waaqayyo aarii keetiin kaʼi; dheekkamsa diinota kootti kaʼi. Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi. 7 Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu; atis ol gubbaadhaa isaan bulchi. 8 Waaqayyo sabootaaf murtii haa kennu. Yaa Waaqayyo, akka qajeelummaa kootiitti, akka amanamummaa kootiittis naa murteessi. 9 Yaa Waaqa qajeelaa, kan yaadaa fi garaa namaa qortu, fincila hamootaa balleessi; qajeeltota immoo jabeessii dhaabi. 10 Gaachanni koo Waaqa; inni gara toleeyyii ni oolcha. 11 Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha; inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha. 12 Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate, inni goraadee isaa ni qarata; iddaa isaas dabsee qopheeffata. 13 Inni meeshaa nama ajjeesu qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata. 14 Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa; jalʼina garaatti baata; soba dhala. 15 Inni gad fageessee boolla qota; boolla qopheesse sana keessas ni buʼa. 16 Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa; jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa. 17 Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha; maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.

< Faarfannaa 7 >