< Faarfannaa 7 >
1 Shiigaayoonni Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee Waaqayyoof faarfate. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala; warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;
Wani shiggayiyon ta Dawuda, wanda Ya Rera wa Ubangiji game da Kush mutumin Benyamin. Ya Ubangiji Allahna, na zo neman mafaka a wurinka; ka cece ni ka kuɓutar da ni daga dukan waɗanda suke bi na,
2 yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti, akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.
in ba haka ba za su yayyage ni kamar zaki su ɓarke ni kucu-kucu ba tare da wani da zai cece ni ba.
3 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe yoo harka koo keessa yakki jiraate,
Ya Ubangiji Allahna, in na yi kuskure aka kuwa sami laifi a hannuwana,
4 yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe, yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,
in na yi mugunta ga wanda yake zaman lafiya da ni ko kuwa ba da wani dalilin cuci abokin gābana,
5 diinni koo ariʼee na haa qabatu; jireenya koo lafatti haa dhidhiitu; ulfina koos awwaara keessa haa buusu.
to, bari abokin gābana yă bi yă kuma cim mini; bari yă tattake raina a ƙasa ya sa in kwana a ƙura. (Sela)
6 Yaa Waaqayyo aarii keetiin kaʼi; dheekkamsa diinota kootti kaʼi. Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.
Ka tashi, ya Ubangiji, cikin fushinka; ka tashi gāba da fushin abokan gābana. Ka farka, Allahna, ka umarta adalci.
7 Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu; atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.
Bari taron mutane su taru kewaye da kai. Ka yi mulki a bisansu daga bisa;
8 Waaqayyo sabootaaf murtii haa kennu. Yaa Waaqayyo, akka qajeelummaa kootiitti, akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.
bari Ubangiji mai shari’ar mutane. Ka shari’anta ni Ya Ubangiji, bisa ga adalcina, bisa ga mutuncina, ya Mafi Ɗaukaka.
9 Yaa Waaqa qajeelaa, kan yaadaa fi garaa namaa qortu, fincila hamootaa balleessi; qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.
Ya Allah mai adalci, wanda yake binciken tunani da zukata, ka kawo ƙarshen rikicin mugaye ka kuma sa adalai su zauna lafiya.
10 Gaachanni koo Waaqa; inni gara toleeyyii ni oolcha.
Garkuwata shi ne Allah Mafi Ɗaukaka, wanda yake ceton masu tsabtar zuciya.
11 Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha; inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.
Allah alƙali ne mai adalci, Allahn da yakan bayyana fushinsa kowace rana.
12 Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate, inni goraadee isaa ni qarata; iddaa isaas dabsee qopheeffata.
In mutum bai tuba ba, Allah zai wasa takobinsa; zai tanƙware yă kuma ɗaura bakansa.
13 Inni meeshaa nama ajjeesu qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.
Ya shirya makamansa masu dafi; ya shirya kibiyoyinsa masu wuta.
14 Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa; jalʼina garaatti baata; soba dhala.
Wanda yake da cikin mugunta ya kuma ɗauki cikin damuwa yakan haifi ƙarya.
15 Inni gad fageessee boolla qota; boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.
Wanda ya haƙa rami yakan fāɗa cikin ramin da ya haƙa.
16 Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa; jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.
Damuwar da ya ja yakan sāke nannaɗe a kansa; fitinarsa takan sauka a kansa.
17 Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha; maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.
Zan gode wa Ubangiji saboda adalcinsa zan kuma rera yabo ga sunan Ubangiji Mafi Ɗaukaka.