< Faarfannaa 7 >

1 Shiigaayoonni Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee Waaqayyoof faarfate. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala; warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;
Shiggaion of David, which he sang unto the LORD; concerning the words of Cush a Benjamite. O LORD my God, in thee do I put my trust: save me from all them that pursue me, and deliver me:
2 yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti, akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.
Lest he tear my soul like a lion, rending it in pieces, while there is none to deliver.
3 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe yoo harka koo keessa yakki jiraate,
O LORD my God, if I have done this; if there be iniquity in my hands;
4 yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe, yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,
If I have rewarded evil unto him that was at peace with me; (yea, I have delivered him that without cause was mine adversary: )
5 diinni koo ariʼee na haa qabatu; jireenya koo lafatti haa dhidhiitu; ulfina koos awwaara keessa haa buusu.
Let the enemy pursue my soul, and overtake it; yea, let him tread my life down to the earth, and lay my glory in the dust. (Selah)
6 Yaa Waaqayyo aarii keetiin kaʼi; dheekkamsa diinota kootti kaʼi. Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.
Arise, O LORD, in thine anger, lift up thyself against the rage of mine adversaries: and awake for me; thou hast commanded judgment.
7 Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu; atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.
And let the congregation of the peoples compass thee about: and over them return thou on high.
8 Waaqayyo sabootaaf murtii haa kennu. Yaa Waaqayyo, akka qajeelummaa kootiitti, akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.
The LORD ministereth judgment to the peoples: judge me, O LORD, according to my righteousness, and to mine integrity that is in me.
9 Yaa Waaqa qajeelaa, kan yaadaa fi garaa namaa qortu, fincila hamootaa balleessi; qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.
Oh let the wickedness of the wicked come to an end, but establish thou the righteous: for the righteous God trieth the hearts and reins.
10 Gaachanni koo Waaqa; inni gara toleeyyii ni oolcha.
My shield is with God, which saveth the upright in heart.
11 Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha; inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.
God is a righteous judge, yea, a God that hath indignation every day.
12 Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate, inni goraadee isaa ni qarata; iddaa isaas dabsee qopheeffata.
If a man turn not, he will whet his sword; he hath bent his bow, and made it ready.
13 Inni meeshaa nama ajjeesu qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.
He hath also prepared for him the instruments of death; he maketh his arrows fiery [shafts].
14 Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa; jalʼina garaatti baata; soba dhala.
Behold, he travaileth with iniquity; yea, he hath conceived mischief, and brought forth falsehood.
15 Inni gad fageessee boolla qota; boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.
He hath made a pit, and digged it, and is fallen into the ditch which he made.
16 Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa; jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.
His mischief shall return upon his own head, and his violence shall come down upon his own pate.
17 Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha; maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.
I will give thanks unto the LORD according to his righteousness: and will sing praise to the name of the LORD Most High.

< Faarfannaa 7 >