< Faarfannaa 69 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraatiin.” Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, ati na baasi; bishaan ol dhufee morma na gaʼeeraatii.
Uniokoe, Mungu; maana maji yameweka uhai wangu hatarini.
2 Ani raaree keessa, lafa iddoon miilla dhaabatan hin jirre keessa seeneera. Ani tuujuba bishaanii keessa seeneera; lolaanis narra garagaleera.
Ninazama kwenye kina cha matope, pasipo na hahari pa kusimama; nimekuja kwenye kina kirefu cha maji, ambako mafuriko yananifunika.
3 Ani iyyuudhaan dadhabeera; laagaan koo babbaqaqeera; iji koo, Waaqa koo eeggachuudhaan dadhabeera.
Nimechoka sana kwa kulia kwangu; koo langu ni kavu; macho yangu yanafifia wakati namngoja Mungu wangu.
4 Warri lafumaa kaʼanii na jibban rifeensa mataa kootii caalaa baayʼatu; warri na ajjeesuu barbaadan, warri akkasumaan diina koo taʼan baayʼee dha. Ani akkan waan hin hatin deebisu dirqameera.
Wale wanichukiao bila sababu wako zaidi ya nywele za kichwa changu; wale ambao wangeweza kuniua, wakiwa adui zangu kwa sababu zisizo sahihi, ni wengi mno; wanalazimisha nirudishe kile ambacho sijaiba.
5 Yaa Waaqi, ati gowwummaa koo ni beekta; yakki koos si duraa hin dhokatu.
Mungu, wewe unaujua ujinga wangu, na dhambi zangu hazifichiki kwako.
6 Yaa Gooftaa, Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, warri abdii sirra kaaʼatan, sababii kootiif hin qaanaʼin; yaa Waaqa Israaʼel, warri si barbaadan, sababii kootiif hin qaaneffamin.
Usiwaache wale wanao kungoja wewe waaibishwe kwa sababu yangu, Bwana Yahwe wa majeshi; usiwaache wale wanaokutafuta wewe wadharauliwe kwa sababu yangu, Mungu wa Israeli.
7 Ani siif jedhee tuffii obseeraatii; qaaniinis fuula koo haguugeera.
Kwa ajili yako nimestahimili lawama; aibu imeufunika uso wangu.
8 Ani obboloota kootti keessummaa, ilmaan haadha kootiittis alagaa dha;
Nimekuwa mgeni kwa ndugu zangu, nisiye fahamika wala kuaminika kwa watoto wa mama yangu.
9 Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii; arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera.
Kwa maana bidii ya nyumba yako imenila, na laumu zao wanao kulaumu wewe zimeniangukia mimi.
10 Booʼuu fi soomuun koo, arrabsoo natti taʼe.
Wakati nilipolia na kutokula chakula, walinitukana.
11 Yommuu ani wayyaa gaddaa uffadhetti, namoonni natti qoosu.
Nilipoteneneza mavazi ya gunia, nikawa kituko kwao.
12 Warri karra dura tataaʼan natti qoosu; machooftonnis waaʼee kootiin sirbu.
Wale wakaao katika lango la mji huniseng'enya; mimi ni wimbo wa walevi.
13 Ani garuu yaa Waaqayyo, yeroo ati filattutti sin kadhadha; yaa Waaqi, jaalala kee guddichaan fayyina kee kan dhugaatiinis deebii naaf kenni.
Lakini kwangu mimi, maombi yangu ni kwako, Yahwe, wakati ambao wewe utayapokea; unijibu katika uaminifu wa wokovu wako.
14 Akka ani hin liqimfamneef, raaree keessaa na baasi; warra na jibban jalaa, bishaanota gad fagoo keessaas na baasi.
Unitoe matopeni, na usiniache nizame; uniondoe mbali na wale wanaonichukia na uniokoe katika kina cha maji.
15 Ati akka lolaan na hin fudhanne, akka tuujubni na hin liqimsine, akka boollis afaan isaa natti hin cufanne godhi.
Usiache mafuliko ya maji yanielemee, wala kina kisinimeze. Usiache mdomo wa shimo unimeze.
16 Yaa Waaqayyo, gaarummaa jaalala keetiitiin deebii naaf kenni; araara kee guddichaanis natti garagali.
Unijibu, Yahwe, maana uaminifu wa agano lako ni mwema; kwa maana rehema zako kwangu ni nyingi, unigeukie.
17 Fuula kee tajaajilaa kee duraa hin dhokfatin; waan ani rakkina keessa jiruuf dafiitii deebii naaf kenni.
Usiufiche uso wako mbali na mtumishi wako, maana niko katika dhiki; unijibu haraka.
18 Natti dhiʼaadhuutii na furi; xiiqii diinota kootiif jedhii na baasi.
Uje kwangu na unikomboe. Kwa sababu ya adui zangu, uwe fidia yangu.
19 Ati akka ani hammam tuffatamee, salphifamee fi akka ani qaaneffame ni beekta; diinonni koo hundinuus fuula koo dura jiru.
Wewe wajua kulaumiwa kwangu, kuaibishwa kwangu, na kudharauliwa kwangu; wapinzani wangu wote wako mbele yako.
20 Arrabsoon garaa koo cabse; anis abdii kutadheera. Ani nama garaa naaf laafu nan barbaade; garuu nan dhabe; nama na jajjabeessus nan barbaade; garuu tokko illee hin arganne.
Lawama imevunja moyo wangu; nimejawa na huzuni kubwa; nilitafuta mtu wa kunihurumia, lakini hakuwepo; nilitafuta wafariji, lakini sikupata.
21 Nyaata kootti hadhooftuu makan; akka ani dhuguuf immoo waan dhangaggaaʼaa naa kennan.
Walinipa sumu kwa ajili ya chakula changu; katika kiu yangu walinipa siki ninywe.
22 Maaddiin isaanii iddaa isaanitti haa taʼu; adabaa fi kiyyoo isaanitti haa taʼu.
Meza yao mbele yao na iwe mtego; wafikiripo wako kwenye usalama, iwe kitanzi.
23 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu; dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.
Macho yao na yatiwe giza ili kwamba wasiweze kuona; uvifanye viuno vyao kutetemeka daima.
24 Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi; aariin kee bobaʼaan sunis isaan irra haa buʼu.
Wamwagie gadhabu yako, ukali wa hasira yako uwafikie wao.
25 Qeʼeen isaanii haa onu; namni dunkaana isaanii keessa jiraatu tokko iyyuu hin hafin.
Sehemu yao na iwe ukiwa; mtu yeyote asiishi katika hema yao.
26 Isaan warra ati madeessite sana ni ariʼatuutii; waaʼee dhukkubbii warra ati miite sanaas ni odeessu.
Kwa kuwa walimtesa yule uliyempa adhabu. Mara kwa mara walihesabu maumivu ya wale walioumizwa.
27 Yakka irratti yakka isaanitti dabali; isaan gara qajeelumma keetii hin dhufin.
Wakiwashtaki kuwa wamefanya uovu juu ya uovu; usiwaache waje kwenye ushindi wa haki yako.
28 Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa haa haqamu; qajeeltota wajjinis hin galmeeffamin.
Uwafute kwenye Kitabu cha Uzima na wasiandikwe pamoja na wenyehaki.
29 Ani garuu dhiphinaa fi rakkina keessan jira; yaa Waaqi, fayyinni kee ol na haa qabu.
Lakini mimi ni maskini na mwenye huzuni; uruhusu wokovu wako, Mungu, uniweke juu sana.
30 Ani faarfannaadhaan maqaa Waaqaa nan galateeffadha; galataanis ulfina nan kennaaf.
Nitalisifu jina la Mungu kwa wimbo na nitamtukuza yeye kwa shukrani.
31 Kunis sangaa caalaa, korma gaanfaa fi kottee qabu dhiʼeessuu caalaa Waaqayyoon gammachiisa.
Nitamsifu Yahwe zaidi kuliko ng'ombe au ndama aliye na mapembe na kwato.
32 Hiyyeeyyiin waan kana arganii ni gammadu; isin warri Waaqa barbaaddan garaan keessan jiraata haa taʼu!
Wanyenyekevu wameona na kufurahi; ninyi mnao matafuta Mungu, mioyo yenu itiwe nguvu.
33 Waaqayyo rakkattoota ni dhagaʼa; namoota isaa warra hidhamanis hin tuffatu.
Maana Yahwe husikia wenye uhitaji naye hawadharau wafungwa wake.
34 Samii fi lafti, galaanonnii fi wanni isaan keessa jiraatan hundinuu isa haa leellissan.
Mbingu na nchi zimsifu yeye, bahari na vyote vitembeavyo majini.
35 Waaqni Xiyoonin ni fayyisaatii; magaalaawwan Yihuudaas deebisee ni ijaara. Sabni isaas achi qubata; ni dhaalas.
Kwa maana Mungu ataiokoa Sayuni na ataujenga tena mji wa Yuda; watu wataishi huko na kupata umiliki wao.
36 Sanyiin tajaajiltoota isaa magaalattii ni dhaalu; warri maqaa isaa jaallatanis achi jiraatu.
Ukoo wa watumishi wake watairithi; nao walipendao jina lake wataishi humo.