< Faarfannaa 69 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraatiin.” Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, ati na baasi; bishaan ol dhufee morma na gaʼeeraatii.
達味作,交與樂官,調寄「百合。」 天主,求您從速拯救我;因大水已到我的頸脖。
2 Ani raaree keessa, lafa iddoon miilla dhaabatan hin jirre keessa seeneera. Ani tuujuba bishaanii keessa seeneera; lolaanis narra garagaleera.
我陷於泥獰中,沒有立足的處所;我沈入深水中,波濤已掩蓋了我。
3 Ani iyyuudhaan dadhabeera; laagaan koo babbaqaqeera; iji koo, Waaqa koo eeggachuudhaan dadhabeera.
我呼號得筋疲力竭,我已咽喉焦乾;我常期望我的天主,我已望眼欲穿。
4 Warri lafumaa kaʼanii na jibban rifeensa mataa kootii caalaa baayʼatu; warri na ajjeesuu barbaadan, warri akkasumaan diina koo taʼan baayʼee dha. Ani akkan waan hin hatin deebisu dirqameera.
無故憎恨我的人,比我的頭髮更繁,無理敵對我的人,比我的骨頭更堅硬;我沒有搶奪過的,我反而應該償還。
5 Yaa Waaqi, ati gowwummaa koo ni beekta; yakki koos si duraa hin dhokatu.
天主,我的愚昧,您知道得更為周詳。我的過犯,不能向您掩蓋隱藏。
6 Yaa Gooftaa, Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, warri abdii sirra kaaʼatan, sababii kootiif hin qaanaʼin; yaa Waaqa Israaʼel, warri si barbaadan, sababii kootiif hin qaaneffamin.
上主,萬軍的上主,願那仰望您的人,不要因我而蒙羞,以色列人的天主,願那尋覓您的人,不要因我而受辱。
7 Ani siif jedhee tuffii obseeraatii; qaaniinis fuula koo haguugeera.
因為,我為了您已飽受欺凌,羞愧已經籠罩了我的面容。
8 Ani obboloota kootti keessummaa, ilmaan haadha kootiittis alagaa dha;
連我的兄弟們都以我為外賓,我母親的兒子都拿我當客人。
9 Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii; arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera.
我對您殿宇所懷的熱忱把我耗盡,並且那侮辱您者的辱罵落於我身。
10 Booʼuu fi soomuun koo, arrabsoo natti taʼe.
我含淚齋戒克己苦身,竟成了我受辱的原因;
11 Yommuu ani wayyaa gaddaa uffadhetti, namoonni natti qoosu.
我身上穿著麻布當作衣裳,也竟成了他們取笑的對象。
12 Warri karra dura tataaʼan natti qoosu; machooftonnis waaʼee kootiin sirbu.
閒坐門口的人,對我議論紛紛,喝醉烈酒的人,對我歌唱戲弄。
13 Ani garuu yaa Waaqayyo, yeroo ati filattutti sin kadhadha; yaa Waaqi, jaalala kee guddichaan fayyina kee kan dhugaatiinis deebii naaf kenni.
上主,在這困厄的時日,我只有求救於您;天主,求您按您豐厚的慈愛應允我,求您以您救援的忠誠俯聽我。
14 Akka ani hin liqimfamneef, raaree keessaa na baasi; warra na jibban jalaa, bishaanota gad fagoo keessaas na baasi.
求您救我於污泥中,不要讓我沉沒。救我脫離恨我的人,走出大水旋渦,
15 Ati akka lolaan na hin fudhanne, akka tuujubni na hin liqimsine, akka boollis afaan isaa natti hin cufanne godhi.
求您不要讓波浪淹沒我,深淵吞滅我,也不要讓地窖合上自己的口埋葬我。
16 Yaa Waaqayyo, gaarummaa jaalala keetiitiin deebii naaf kenni; araara kee guddichaanis natti garagali.
上主,求您照您和藹的慈愛俯允我,求您按您深厚的仁慈眷顧我。
17 Fuula kee tajaajilaa kee duraa hin dhokfatin; waan ani rakkina keessa jiruuf dafiitii deebii naaf kenni.
求您不要向您的僕人隱藏您的慈顏,因為我正處在困厄中,求您從速垂憐。
18 Natti dhiʼaadhuutii na furi; xiiqii diinota kootiif jedhii na baasi.
求您親近我的靈魂,施予救贖,為了我的諸般仇敵,求您救護。
19 Ati akka ani hammam tuffatamee, salphifamee fi akka ani qaaneffame ni beekta; diinonni koo hundinuus fuula koo dura jiru.
我受的侮辱、欺凌和恥笑,您都識穿;欺凌迫害我的眾人,都在您的眼前。
20 Arrabsoon garaa koo cabse; anis abdii kutadheera. Ani nama garaa naaf laafu nan barbaade; garuu nan dhabe; nama na jajjabeessus nan barbaade; garuu tokko illee hin arganne.
侮辱破碎了我心,使我憂傷難過;我期望有人同情,卻未尋到一個,我渴盼有人來安慰,也未找到一個。
21 Nyaata kootti hadhooftuu makan; akka ani dhuguuf immoo waan dhangaggaaʼaa naa kennan.
他們在我的食物中,攙上了苦膽,我口渴時,竟遞來酸醋要我下嚥,
22 Maaddiin isaanii iddaa isaanitti haa taʼu; adabaa fi kiyyoo isaanitti haa taʼu.
願他們的筵席變成網羅,為同席的友人變為圈套!
23 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu; dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.
願他們的眼睛昏迷失明,使他們的雙腰顫抖不停!
24 Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi; aariin kee bobaʼaan sunis isaan irra haa buʼu.
求您向他們傾洩您的盛怒,讓您的怒火把他們籠罩住。
25 Qeʼeen isaanii haa onu; namni dunkaana isaanii keessa jiraatu tokko iyyuu hin hafin.
願他們的居所變成荒土,願他們的帳幕無人再住!
26 Isaan warra ati madeessite sana ni ariʼatuutii; waaʼee dhukkubbii warra ati miite sanaas ni odeessu.
因為他們繼續打擊您所打擊的人,他們另加苦害您所傷殘的人。
27 Yakka irratti yakka isaanitti dabali; isaan gara qajeelumma keetii hin dhufin.
願您在他們的罪罰上增加罪罰,不要使他們在您面前稱義自誇。
28 Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa haa haqamu; qajeeltota wajjinis hin galmeeffamin.
願他們從生命冊上全被塗去,不要讓他們與義人同被錄取:
29 Ani garuu dhiphinaa fi rakkina keessan jira; yaa Waaqi, fayyinni kee ol na haa qabu.
天主,我既貧乏而又憂苦,願您的救助賜給我衛護:
30 Ani faarfannaadhaan maqaa Waaqaa nan galateeffadha; galataanis ulfina nan kennaaf.
我要用詩歌讚美天主的名號,並要用感恩的心給天主增耀:
31 Kunis sangaa caalaa, korma gaanfaa fi kottee qabu dhiʼeessuu caalaa Waaqayyoon gammachiisa.
這將使上主滿心歡愉,勝於蹄角具全的牛犢。
32 Hiyyeeyyiin waan kana arganii ni gammadu; isin warri Waaqa barbaaddan garaan keessan jiraata haa taʼu!
卑微的人們,您們要觀看,並要喜慶,尋求天主的人,您們的心必要興奮,
33 Waaqayyo rakkattoota ni dhagaʼa; namoota isaa warra hidhamanis hin tuffatu.
因為對貧苦的人,上主常予俯聽;對他的俘虜,他決不會看輕。
34 Samii fi lafti, galaanonnii fi wanni isaan keessa jiraatan hundinuu isa haa leellissan.
願上天下地都歌頌讚美他,海洋和一切水族都稱揚他!
35 Waaqni Xiyoonin ni fayyisaatii; magaalaawwan Yihuudaas deebisee ni ijaara. Sabni isaas achi qubata; ni dhaalas.
因為天主要拯救熙雍,建造猶大的城池:使他的僕人住在那裏,並佔有作基地。
36 Sanyiin tajaajiltoota isaa magaalattii ni dhaalu; warri maqaa isaa jaallatanis achi jiraatu.
他僕人的後裔將要承繼此邑,愛慕他名的人也要住在這裏。

< Faarfannaa 69 >