< Faarfannaa 68 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Waaqni haa kaʼu; diinonni isaas haa bittinnaaʼan; warri isa jibbanis fuula isaa duraa haa baqatan.
大卫的诗歌,交与伶长。 愿 神兴起,使他的仇敌四散, 叫那恨他的人从他面前逃跑。
2 Akkuma aarri bittinnaaʼu, ati isaan bittinneessi; akkuma gagaan ibidda duratti baqu, hamoonni fuula Waaqaa duraa haa badan.
他们被驱逐,如烟被风吹散; 恶人见 神之面而消灭,如蜡被火熔化。
3 Qajeelonni garuu haa gammadan; fuula Waaqaa durattis baayʼee haa gammadan; isaan gammachuudhaan haa ililchan.
惟有义人必然欢喜, 在 神面前高兴快乐。
4 Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa; isa duumessaan gulufu sana jajadhaa; maqaan isaa Waaqayyoo dha; fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.
你们当向 神唱诗,歌颂他的名; 为那坐车行过旷野的修平大路。 他的名是耶和华, 要在他面前欢乐!
5 Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa, niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.
神在他的圣所作孤儿的父, 作寡妇的伸冤者。
6 Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa; warra hidhamanis mana hidhaatii baasa; finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.
神叫孤独的有家, 使被囚的出来享福; 惟有悖逆的住在干燥之地。
7 Yaa Waaqayyo, gaafa ati saba kee dura baate, gaafa ati gammoojjii keessa dabarte,
神啊,你曾在你百姓前头出来, 在旷野行走。 (细拉)
8 fuula Waaqaa, Waaqa Siinaa duratti, fuula Waaqaa, Waaqa Israaʼel duratti, lafti ni raafamte; samiiwwanis bokkaa roobsan.
那时,地见 神的面而震动,天也落雨; 西奈山见以色列 神的面也震动。
9 Yaa Waaqayyo, ati bokkaa baayʼee roobsite; dhaala kee kan dadhabe illee ni quubsite.
神啊,你降下大雨; 你产业以色列疲乏的时候,你使他坚固。
10 Sabni kee achi qubate; yaa Waaqayyo, ati badhaadhummaa kee keessaa hiyyeeyyii soorte.
你的会众住在其中; 神啊,你的恩惠是为困苦人预备的。
11 Gooftaan dubbii isaa kenne; dubartoonni dubbii sana labsanis baayʼee dha:
主发命令, 传好信息的妇女成了大群。
12 “Mootonnii fi loltoonni ariitiin baqatan; dubartoonni qeʼee oolan boojuu qooddatan.
统兵的君王逃跑了,逃跑了; 在家等候的妇女分受所夺的。
13 Yoo gola hoolotaa gidduutti argamtan illee, isin akka gugee qoochoon ishee meetiidhaan uffifamee baalleen ishee immoo warqee calaqqisuun uffifamee ti.”
你们安卧在羊圈的时候, 好像鸽子的翅膀镀白银,翎毛镀黄金一般。
14 Yommuu Waaqni Waan Hunda Dandaʼu mootota achitti bittinneessetti, Zalmoon irratti cabbiin buʼe.
全能者在境内赶散列王的时候, 势如飘雪在撒们。
15 Yaa tulluu Baashaan, yaa tulluu surra qabeessa, yaa Tulluu Baashaan, yaa tulluu fiixee baayʼee qabu,
巴珊山是 神的山; 巴珊山是多峰多岭的山。
16 yaa tulluu fiixee baayʼee qabdu, ati maaliif tulluu Waaqni bulchuuf filate, iddoo Waaqayyo bara baraan jiraatu sana hinaaffaadhaan ilaalta?
你们多峰多岭的山哪, 为何斜看 神所愿居住的山? 耶和华必住这山,直到永远!
17 Gaariiwwan Waaqaa kuma hedduu dha; isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti; Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera.
神的车辇累万盈千; 主在其中,好像在西奈圣山一样。
18 Ati yommuu ol gubbaa baatetti boojuu baayʼee fudhate; yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati achi jiraachuuf jettee, namoota irraa, finciltoota irraas kennaa fudhatte.
你已经升上高天,掳掠仇敌; 你在人间,就是在悖逆的人间,受了供献, 叫耶和华 神可以与他们同住。
19 Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu, Waaqni Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.
天天背负我们重担的主, 就是拯救我们的 神, 是应当称颂的! (细拉)
20 Waaqni keenya Waaqa fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunis Waaqayyo Goofticha biraa dhufa.
神是为我们施行诸般救恩的 神; 人能脱离死亡是在乎主耶和华。
21 Waaqni dhugumaan mataa diina isaa, gubbee mataa warra cubbuu isaaniitti fufanii kan rifeensa qabu ni caccabsa.
但 神要打破他仇敌的头, 就是那常犯罪之人的发顶。
22 Gooftaan akkana jedha; “Ani deebisee Baashaanii isaan nan fida; tuujuba galaanaa keessaas deebisee isaan nan fida;
主说:我要使众民从巴珊而归, 使他们从深海而回,
23 kunis akka ati dhiiga diinota keetii miilla keetiin borcituuf; arrabni saroota keetiis akka qooda isaanii qabaatuuf.”
使你打碎仇敌,你的脚踹在血中, 使你狗的舌头从其中得分。
24 Yaa Waaqayyo, hiriirri kee mulʼateera; hiriirri Waaqa kootiitii fi mootii kootii iddoo qulqulluutti ol galeera.
神啊,你是我的 神,我的王; 人已经看见你行走,进入圣所。
25 Fuula duraan faarfattoota, dugda duubaan immoo warra muuziiqaa taphatantu ture; dubartoonni dibbee rukutanis gidduu isaanii turan.
歌唱的行在前,作乐的随在后, 都在击鼓的童女中间。
26 Waldaa guddaa keessatti Waaqa jajadhaa; yaaʼii Israaʼel keessattis Waaqayyoon jajadhaa.
从以色列源头而来的, 当在各会中称颂主 神!
27 Beniyaam gosti xinnichi isaan dura deema; tuunni ilmaan mootota Yihuudaas achi turan; ilmaan mootota Zebuuloonii fi Niftaalemis achi turan.
在那里,有统管他们的小便雅悯, 有犹大的首领和他们的群众, 有西布伦的首领, 有拿弗他利的首领。
28 Yaa Waaqayyo, humna kee ajaji; yaa Waaqa keenya, akkuma duraan goote sana jabina kee nu argisiisi.
以色列的能力是 神所赐的; 神啊,求你坚固你为我们所成全的事!
29 Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiif mootonni kennaa siif fidu.
因你耶路撒冷的殿, 列王必带贡物献给你。
30 Bineensota shambaqqoo keessaa, karra korommii jabboota sabootaa keessaas ifadhu. Warra meetii fidan gad deebisi. Warra waraanatti gammadanis bittinneessi.
求你叱喝芦苇中的野兽和群公牛, 并列邦中的牛犊。 把银块踹在脚下; 神已经赶散好争战的列邦。
31 Ergamoonni Gibxi ni dhufu; Itoophiyaanis daftee harka ishee Waaqatti balʼifatti.
埃及的公侯要出来朝见 神; 古实人要急忙举手祷告。
32 Yaa mootummoota lafaa, Waaqa faarfadhaa; faarfannaa galataas Gooftaadhaaf faarfadhaa;
世上的列国啊,你们要向 神歌唱; 愿你们歌颂主!
33 isa samiiwwan durii keessa gulufu, isa sagalee jabaadhaan qaqawweessaʼu sana faarfadhaa.
歌颂那自古驾行在诸天以上的主! 他发出声音,是极大的声音。
34 Waaqa ulfinni isaa Israaʼel irra jiru, isa miidhaginni isaa samiiwwan keessa jiru sana humna isaa labsaa.
你们要将能力归给 神。 他的威荣在以色列之上; 他的能力是在穹苍。
35 Yaa Waaqayyo, ati iddoo qulqullummaa keetiitti sodaachisaa dha; Waaqni Israaʼel saba isaatiif humnaa fi jabina ni kenna. Waaqni haa eebbifamu!
神啊,你从圣所显为可畏; 以色列的 神是那将力量权能赐给他百姓的。 神是应当称颂的!

< Faarfannaa 68 >