< Faarfannaa 66 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa. Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa!
למנצח שיר מזמור הריעו לאלהים כל-הארץ
2 Ulfina maqaa isaa faarfadhaa; galata isaatiifis ulfina kennaa!
זמרו כבוד-שמו שימו כבוד תהלתו
3 Waaqaan akkana jedhaa; “Hojiin kee akkam sodaachisaa dha! Sababii humni kee guddaa taʼeef, diinonni kee fuula kee duratti hollatu.
אמרו לאלהים מה-נורא מעשיך ברב עזך יכחשו לך איביך
4 Lafti hundinuu siif sagadu; faarfannaa galataa siif faarfatu; maqaa keetiifis faarfatu.”
כל-הארץ ישתחוו לך--ויזמרו-לך יזמרו שמך סלה
5 Kottaatii waan Waaqni hojjete, hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa!
לכו וראו מפעלות אלהים נורא עלילה על-בני אדם
6 Inni galaana lafa gogaatti geeddare; isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan; kottaa isatti haa gammannu!
הפך ים ליבשה--בנהר יעברו ברגל שם נשמחה-בו
7 Inni bara baraan humna isaatiin bulcha; iji isaas saboota ilaala; finciltoonni ol ol of hin qabin.
משל בגבורתו עולם-- עיניו בגוים תצפינה הסוררים אל-ירימו (ירומו) למו סלה
8 Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa; sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu;
ברכו עמים אלהינו והשמיעו קול תהלתו
9 inni lubbuu keenya jiraachiseera; miilla keenyas mucucaachuu oolcheera.
השם נפשנו בחיים ולא-נתן למוט רגלנו
10 Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii; akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta.
כי-בחנתנו אלהים צרפתנו כצרף-כסף
11 Ati kiyyootti nu galchiteerta; dugda keenya irras baʼaa keesseerta.
הבאתנו במצודה שמת מועקה במתנינו
12 Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta; nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre; ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde.
הרכבת אנוש לראשנו באנו-באש ובמים ותוציאנו לרויה
13 Anis qalma gubamu qabadhee mana qulqullummaa kee nan seena; wareega koos siif nan galcha;
אבוא ביתך בעולות אשלם לך נדרי
14 kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha.
אשר-פצו שפתי ודבר-פי בצר-לי
15 Anis horii coccoomoo, qalma gubamu, korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa; jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa.
עלות מיחים אעלה-לך עם-קטרת אילים אעשה בקר עם-עתודים סלה
16 Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa; anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima.
לכו-שמעו ואספרה כל-יראי אלהים אשר עשה לנפשי
17 Ani afaan kootiin isatti nan iyye; galanni isaas arraba koo irra ture.
אליו פי-קראתי ורומם תחת לשוני
18 Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee, silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture;
און אם-ראיתי בלבי-- לא ישמע אדני
19 Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera; sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera.
אכן שמע אלהים הקשיב בקול תפלתי
20 Waaqni kadhannaa koo hin didin yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!
ברוך אלהים-- אשר לא-הסיר תפלתי וחסדו מאתי

< Faarfannaa 66 >