< Faarfannaa 65 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata; wareegni keenyas siif galfama.
MAING Kot, se kin auiaui o kapinga komui nan Sion, o se kin kapwaiada at inau ong komui.
2 Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu, namni hundinuu gara kee ni dhufa.
Komui kotin ereki at kapakap, pwe i me aramas karos pan pwara wong komui.
3 Yeroo cubbuun na moʼattetti, ati yakka keenya nuu dhiifteerta.
Dip at kin katoutoui kit kaualap. Kom kotin maki ong kit dip at akan.
4 Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha! Nus waan gaarii mana keetiitiin, kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.
Meid pai, me kom kotin pilada o mueid ong, en pwarala re omui, pwen kauson nan sapwilim omui kel; kit pan tungetungole o medikila dipisou en tanpas omui, sapwilim omui im en kaudok saraui.
5 Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita; daarii lafaa hundumaaf, galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;
Kom kotin mangi kit duen omui pung kapuriamui, Kot, at saunkamaur, komui me kapore pan meakaros nin sappa, o me mi wasa doo ni kailan madau;
6 ati humna uffatteerta; jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite;
Me kotin pasonedier nana kan, pwen tengeteng ni a kelail, i me audeki manaman.
7 ati huursaa galaanaa, huursaa dhaʼaa bishaanii, raafama uummataas ni calʼisiifte.
Komui katukiedi ngirsok en madau, ngirsok en a iluk kan, o morongarong en aramas akan.
8 Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu; ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti, akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.
Me kauson ni imwin sappa, kin masakada omui kilel akan; komui kin kaperenda me kauson ni pali mas o ni pali apong.
9 Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta; akka malees ni gabbifta; akka namootaaf midhaan kennaniifis lageen Waaqaa bishaaniin guutamaniiru; ati kanumaaf qopheessiteertaatii.
Kom kin kotin kupura sappa o kawusokesok o kakepwapwala i melel. Parer en Kot me dir en pil kaualap. Kom kin kotin sauasa ar wantuka kan, iduen omui kotin kapaiada sap o.
10 Boʼoo isaa bishaan quubsita; biyyoo isaas wal qixxeessita; tiifuu bokkaatiinis ni jiifta; biqila isaas ni eebbifta.
Kom kin kotin kapileda ar sap akan o kawusokesok ar mad akan o kamuterok kila katau o kapaiada ar tuka kan.
11 Gaarummaa keetiin bara ni gonfita; daandiiwwan kees cooma coccobsu.
Kom kotin kapwada kidar saunpar omui kalangan; o lip en aluwilu ar me dir en kamau kan.
12 Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa; gaarranis gammachuudhaan guutamu.
Mos en nan sap tan pil pwaida mau, o dol akan kin pereperen.
13 Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu; sululoonni midhaaniin haguugamu; isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.
O mal akan me dir en pwin sip, o sap me rokeki korn, me mau ong ngisingis o kakaul.