< Faarfannaa 64 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi; lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi.
Kwa mwimbishaji. Zaburi ya Daudi. Ee Mungu, unisikie ninapoeleza lalamiko langu, uyahifadhi maisha yangu kutokana na vitisho vya adui.
2 Marii jalʼootaa duraa, mala namoota hamoo duraas na dhoksi.
Unifiche kutokana na shauri la siri la waovu, kutokana na zile kelele za kundi la watenda mabaya.
3 Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan; dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu.
Wananoa ndimi zao kama panga na kuelekeza maneno yao kama mishale ya kufisha.
4 Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu; akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu.
Hurusha mishale kutoka kwenye mavizio kwa mtu asiye na hatia, humrushia ghafula bila woga.
5 Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu; waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu; “Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu.
Kila mmoja humtia moyo mwenzake katika mipango mibaya; huzungumza juu ya kuficha mitego yao, nao husema, “Ni nani ataiona?”
6 Isaanis jalʼina yaaduudhaan, “Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu; yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii.
Hufanya shauri baya la dhuluma na kusema, “Tumebuni mpango mkamilifu!” Hakika nia na moyo wa mwanadamu vina hila.
7 Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa; isaanis akkuma tasaa madaaʼu.
Bali Mungu atawapiga kwa mishale, nao ghafula wataangushwa.
8 Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa; warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu.
Atageuza ndimi zao wenyewe dhidi yao na kuwaleta kwenye maangamizi; wote wawaonao watatikisa vichwa vyao kwa dharau.
9 Namoonni hundinuu ni sodaatu; isaan hojii Waaqaa ni labsu; waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu.
Wanadamu wote wataogopa, watatangaza kazi za Mungu na kutafakari yale aliyoyatenda.
10 Namni qajeelaan Waaqayyotti gammada; isattis kooluu gala; gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu.
Wenye haki na wafurahi katika Bwana, na wakimbilie kwake; wanyofu wote wa moyo na wamsifu yeye!

< Faarfannaa 64 >