< Faarfannaa 64 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi; lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi.
למנצח מזמור לדוד שמע אלהים קולי בשיחי מפחד אויב תצר חיי׃
2 Marii jalʼootaa duraa, mala namoota hamoo duraas na dhoksi.
תסתירני מסוד מרעים מרגשת פעלי און׃
3 Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan; dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu.
אשר שננו כחרב לשונם דרכו חצם דבר מר׃
4 Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu; akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu.
לירות במסתרים תם פתאם ירהו ולא ייראו׃
5 Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu; waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu; “Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu.
יחזקו למו דבר רע יספרו לטמון מוקשים אמרו מי יראה למו׃
6 Isaanis jalʼina yaaduudhaan, “Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu; yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii.
יחפשו עולת תמנו חפש מחפש וקרב איש ולב עמק׃
7 Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa; isaanis akkuma tasaa madaaʼu.
וירם אלהים חץ פתאום היו מכותם׃
8 Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa; warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu.
ויכשילוהו עלימו לשונם יתנדדו כל ראה בם׃
9 Namoonni hundinuu ni sodaatu; isaan hojii Waaqaa ni labsu; waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu.
וייראו כל אדם ויגידו פעל אלהים ומעשהו השכילו׃
10 Namni qajeelaan Waaqayyotti gammada; isattis kooluu gala; gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu.
ישמח צדיק ביהוה וחסה בו ויתהללו כל ישרי לב׃

< Faarfannaa 64 >