< Faarfannaa 63 >

1 Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti. Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti; ani dhugumaan sin barbaadadha; lafa gogaa fi gammoojjii, lafa bishaan hin jirretti, lubbuun koo si dheebotti; foon koos sitti gaggaba. 2 Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge; humna keetii fi ulfina kees nan ilaale. 3 Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, hidhiin koo si jajatti. 4 Ani hamman jirutti sin eebbisa; maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha. 5 Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti; afaan koos hidhii ililleetiin si jajata. 6 Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada. 7 Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha. 8 Lubbuun koo sitti maxxanti; harki kee mirgaa ol na qaba. 9 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu. 10 Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu; nyaata waangoos ni taʼu. 11 Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.

< Faarfannaa 63 >