< Faarfannaa 63 >
1 Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti. Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti; ani dhugumaan sin barbaadadha; lafa gogaa fi gammoojjii, lafa bishaan hin jirretti, lubbuun koo si dheebotti; foon koos sitti gaggaba.
大衛在猶大曠野的時候,作了這詩。 上帝啊,你是我的上帝, 我要切切地尋求你, 在乾旱疲乏無水之地,我渴想你; 我的心切慕你。
2 Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge; humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.
我在聖所中曾如此瞻仰你, 為要見你的能力和你的榮耀。
3 Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, hidhiin koo si jajatti.
因你的慈愛比生命更好, 我的嘴唇要頌讚你。
4 Ani hamman jirutti sin eebbisa; maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.
我還活的時候要這樣稱頌你; 我要奉你的名舉手。
5 Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti; afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.
我在床上記念你, 在夜更的時候思想你; 我的心就像飽足了骨髓肥油, 我也要以歡樂的嘴唇讚美你。
6 Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.
7 Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.
因為你曾幫助我, 我就在你翅膀的蔭下歡呼。
8 Lubbuun koo sitti maxxanti; harki kee mirgaa ol na qaba.
我心緊緊地跟隨你; 你的右手扶持我。
9 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.
但那些尋索要滅我命的人 必往地底下去;
10 Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu; nyaata waangoos ni taʼu.
他們必被刀劍所殺, 被野狗所吃。
11 Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.
但是王必因上帝歡喜。 凡指着他發誓的必要誇口, 因為說謊之人的口必被塞住。