< Faarfannaa 63 >

1 Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti. Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti; ani dhugumaan sin barbaadadha; lafa gogaa fi gammoojjii, lafa bishaan hin jirretti, lubbuun koo si dheebotti; foon koos sitti gaggaba.
Salimo la Davide. Pamene anali mʼchipululu cha Yuda. Inu Mulungu, ndinu Mulungu wanga, moona mtima ine ndimakufunafunani; moyo wanga uli ndi ludzu lofuna Inu, thupi langa likulakalaka inu, mʼdziko lowuma ndi lotopetsa kumene kulibe madzi.
2 Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge; humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.
Inu ndinakuonani ku malo anu opatulika ndipo ndinapenya mphamvu zanu ndi ulemerero wanu.
3 Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, hidhiin koo si jajatti.
Chifukwa chikondi chanu ndi choposa moyo, milomo yanga idzakulemekezani.
4 Ani hamman jirutti sin eebbisa; maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.
Ndidzakutamandani masiku onse a moyo wanga, ndipo mʼdzina lanu ndidzakweza manja anga.
5 Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti; afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.
Mudzakhutitsa moyo wanga ndi zonona. Ine ndidzakutamandani ndi mawu anthetemya.
6 Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.
Pa bedi panga ndimakumbukira inu; ndimaganiza za Inu nthawi yonse ya usiku.
7 Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.
Chifukwa ndinu thandizo langa, ine ndimayimba mu mthunzi wa mapiko anu.
8 Lubbuun koo sitti maxxanti; harki kee mirgaa ol na qaba.
Moyo wanga umakangamira Inu; dzanja lanu lamanja limandigwiriziza.
9 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.
Iwo amene akufunafuna moyo wanga adzawonongedwa; adzatsikira kunsi kozama kwa dziko lapansi.
10 Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu; nyaata waangoos ni taʼu.
Iwo adzaperekedwa ku lupanga ndi kukhala chakudya cha ankhandwe.
11 Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.
Koma mfumu idzakondwera mwa Mulungu; onse amene amalumbira mʼdzina la Mulungu adzalemekeza Mulunguyo, koma pakamwa pa anthu onama padzatsekedwa.

< Faarfannaa 63 >