< Faarfannaa 62 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti; fayyinni koos isa biraa naa dhufa.
Kwa mwimbishaji. Mtindo wa Yeduthuni. Zaburi ya Daudi. Kwa Mungu peke yake nafsi yangu inapata pumziko; wokovu wangu watoka kwake.
2 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.
Yeye peke yake ndiye mwamba wangu na wokovu wangu; yeye ni ngome yangu, sitatikisika kamwe.
3 Isin hamma yoomiitti nama miitu? Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti, akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?
Mtamshambulia mtu hata lini? Je, ninyi nyote mtamtupa chini, ukuta huu ulioinama na uzio huu unaotikisika?
4 Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa, guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu; isaan sobatti ni gammadu. Afaan isaaniitiin ni eebbisu; garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.
Walikusudia kikamilifu kumwangusha toka mahali pake pa fahari; wanafurahia uongo. Kwa vinywa vyao hubariki, lakini ndani ya mioyo yao hulaani.
5 Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti; abdiin koo isa biraa dhufaatii.
Ee nafsi yangu, upumzike, kwa Mungu peke yake, tumaini langu latoka kwake.
6 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.
Yeye peke yake ndiye mwamba wangu na wokovu wangu; ndiye ngome yangu, sitatikisika.
7 Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira; kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa.
Wokovu wangu na heshima yangu viko kwa Mungu, ndiye mwamba wangu wenye nguvu na kimbilio langu.
8 Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa; garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa; Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.
Enyi watu, mtumainini yeye wakati wote, miminieni mioyo yenu kwake, kwa kuwa Mungu ni kimbilio letu.
9 Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti; gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma; yoo madaaliidhaan madaalaman lachanuu qilleensa caalaa salphatu.
Binadamu wa ngazi ya chini ni pumzi tu, nao wa ngazi ya juu ni uongo tu; wakipimwa kwenye mizani, si chochote; wote kwa pamoja ni pumzi tu.
10 Waan saamichaan argattan hin amanatinaa; waan hatameenis hin koorinaa. Yoo qabeenyi keessan guddate illee, qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.
Usitumainie vya udhalimu wala usijivune kwa vitu vya wizi; ingawa utajiri wako utaongezeka, usiviwekee moyo wako.
11 Waaqni yeroo tokko dubbate; ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe; kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha.
Jambo moja Mungu amelisema, mambo mawili nimeyasikia: kwamba, Ee Mungu, wewe una nguvu,
12 Yaa Gooftaa araarri kan kee ti. Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.
na kwamba, Ee Bwana, wewe ni mwenye upendo. Hakika utampa kila mtu thawabu kwa kadiri ya alivyotenda.