< Faarfannaa 62 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti; fayyinni koos isa biraa naa dhufa.
Zborovođi. Po Jedutunu. Psalam. Davidov. Samo je u Bogu mir, dušo moja, samo je u njemu spasenje.
2 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.
Samo on je moja hrid i spasenje, utvrda moja: neću se pokolebati.
3 Isin hamma yoomiitti nama miitu? Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti, akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?
Dokle ćete na bijednika nasrtati, obarat' ga svi zajedno, k'o zid ruševan il' ogradu nagnutu?
4 Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa, guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu; isaan sobatti ni gammadu. Afaan isaaniitiin ni eebbisu; garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.
Urotiše se da me s visa mog obore, u laži uživaju; ustima blagoslivlju, a u srcu proklinju.
5 Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti; abdiin koo isa biraa dhufaatii.
Samo je u Bogu mir, dušo moja, samo je u njemu nada moja.
6 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.
Samo on je moja hrid i spasenje, utvrda moja: neću se pokolebati.
7 Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira; kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa.
U Boga je spasenje moje i slava; Bog mi je hridina silna, utočište.
8 Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa; garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa; Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.
U nj se, narode, uzdaj u svako doba; pred njim srca izlijevajte: Bog je naše utočište!
9 Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti; gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma; yoo madaaliidhaan madaalaman lachanuu qilleensa caalaa salphatu.
Sinovi su ljudski samo dašak, laž su djeca čovječja: svi da stanu na tezulju, od daha bi lakši bili.
10 Waan saamichaan argattan hin amanatinaa; waan hatameenis hin koorinaa. Yoo qabeenyi keessan guddate illee, qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.
U grabež se ne uzdajte nit' se otetim tašto hvalite; umnoži l' se blago, nek' vam srce za nj ne prione.
11 Waaqni yeroo tokko dubbate; ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe; kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha.
Bog rekao jedno, a ja dvoje čuo:
12 Yaa Gooftaa araarri kan kee ti. Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.
“U Boga je snaga! U tebe je, Gospode, dobrota! Ti uzvraćaš svakom po djelima.”