< Faarfannaa 61 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame. Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi; kadhannaa koos dhaggeeffadhu.
大卫的诗,交与伶长。用丝弦的乐器。 神啊,求你听我的呼求, 侧耳听我的祷告!
2 Yeroo garaan koo citetti, ani handaara lafaatii sin waammadha; ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi.
我心里发昏的时候, 我要从地极求告你。 求你领我到那比我更高的磐石!
3 Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii; fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha.
因为你作过我的避难所, 作过我的坚固台,脱离仇敌。
4 Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu, gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.
我要永远住在你的帐幕里! 我要投靠在你翅膀下的隐密处! (细拉)
5 Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii; dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta.
神啊,你原是听了我所许的愿; 你将产业赐给敬畏你名的人。
6 Bara jireenya mootii, umurii isaa illee dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi.
你要加添王的寿数; 他的年岁必存到世世。
7 Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu; akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi.
他必永远坐在 神面前; 愿你预备慈爱和诚实保佑他!
8 Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha; guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.
这样,我要歌颂你的名,直到永远, 好天天还我所许的愿。

< Faarfannaa 61 >