< Faarfannaa 60 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraa kakuu” jedhamuun faarfatame. Miiktaamii Daawit. Barsiisuuf. Yeroo inni Arraam Nahaaraayimii fi Arraam Zoobaa lolee fi yeroo Yooʼaabin deebisee warra Edoomii keessaa namoota kuma kudha lama Sulula soogiddaa keessatti fixetti faarfatame. Yaa Waaqi, ati nu gatteerta; nu caccabsiteertas; nutti aarteerta; amma garuu iddootti nu deebisi!
Oh Dios, iniwaksi mo kami, ibinagsak mo kami; ikaw ay nagalit; Oh papanauliin mo kami.
2 Ati lafa sochoofteerta; tarsaaftees afaan bansiifteerta; caccabaa ishees walitti suphi; isheen raafamteertii.
Iyong niyanig ang lupain; iyong pinabuka: pagalingin mo ang mga sira niyaon: sapagka't umuuga.
3 Ati akka sabni kee waan hamaadhaan dhiphatu gooteerta; daadhii wayinii nu gatantarsus nuu kenniteerta.
Nagpakita ka sa iyong bayan ng mahihirap na bagay: iyong ipinainom sa amin ang alak na pangpagiray.
4 Akka isaan iddaa jalaa gara isaatti baqataniif, ati warra si sodaataniif mallattoo kenniteerta.
Nagbigay ka ng watawat sa nangatatakot sa iyo, upang maiwagayway dahil sa katotohanan. (Selah)
5 Akka warri ati jaallattu furamaniif, harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris.
Upang ang iyong minamahal ay makaligtas, magligtas ka ng iyong kanan, at sagutin mo kami.
6 Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera; “Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda; Sulula Sukootis nan safara.
Nagsalita ang Dios sa kaniyang kabanalan; ako'y magsasaya: aking hahatiin ang Sichem, at aking susukatin ang libis ng Succoth,
7 Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti. Efreem gonfoo sibiilaa koo ti; Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.
Galaad ay akin, at Manases ay akin; Ephraim naman ay sanggalang ng aking ulo; Juda ay aking setro.
8 Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti; Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa; Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”
Moab ay aking hugasan; sa Edom ay aking ihahagis ang aking panyapak; Filistia, humiyaw ka dahil sa akin.
9 Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida? Eenyutu Edoomitti na geessa?
Sinong magdadala sa akin sa matibay na bayan? Sinong papatnubay sa akin hanggang sa Edom?
10 Yaa Waaqi, kan nu gatte suma mitii? Yaa Waaqi, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?
Hindi mo ba kami iniwaksi, Oh Dios? At hindi ka lumalabas, Oh Dios, na kasama ng aming mga hukbo.
11 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar; gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.
Tulungan mo kami laban sa kaaway; sapagka't walang kabuluhan ang tulong ng tao.
12 Nu Waaqa wajjin ni moʼanna; innis diinota keenya gad dhidhiita.
Sa pamamagitan ng Dios ay gagawa kaming may katapangan: sapagka't siya ang yumayapak sa aming mga kaaway.