< Faarfannaa 60 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraa kakuu” jedhamuun faarfatame. Miiktaamii Daawit. Barsiisuuf. Yeroo inni Arraam Nahaaraayimii fi Arraam Zoobaa lolee fi yeroo Yooʼaabin deebisee warra Edoomii keessaa namoota kuma kudha lama Sulula soogiddaa keessatti fixetti faarfatame. Yaa Waaqi, ati nu gatteerta; nu caccabsiteertas; nutti aarteerta; amma garuu iddootti nu deebisi!
למנצח על שושן עדות מכתם לדוד ללמד בהצותו את ארם נהרים ואת ארם צובה וישב יואב ויך את אדום בגיא מלח שנים עשר אלף אלהים זנחתנו פרצתנו אנפת תשובב לנו׃
2 Ati lafa sochoofteerta; tarsaaftees afaan bansiifteerta; caccabaa ishees walitti suphi; isheen raafamteertii.
הרעשתה ארץ פצמתה רפה שבריה כי מטה׃
3 Ati akka sabni kee waan hamaadhaan dhiphatu gooteerta; daadhii wayinii nu gatantarsus nuu kenniteerta.
הראיתה עמך קשה השקיתנו יין תרעלה׃
4 Akka isaan iddaa jalaa gara isaatti baqataniif, ati warra si sodaataniif mallattoo kenniteerta.
נתתה ליראיך נס להתנוסס מפני קשט סלה׃
5 Akka warri ati jaallattu furamaniif, harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris.
למען יחלצון ידידיך הושיעה ימינך ועננו׃
6 Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera; “Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda; Sulula Sukootis nan safara.
אלהים דבר בקדשו אעלזה אחלקה שכם ועמק סכות אמדד׃
7 Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti. Efreem gonfoo sibiilaa koo ti; Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.
לי גלעד ולי מנשה ואפרים מעוז ראשי יהודה מחקקי׃
8 Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti; Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa; Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”
מואב סיר רחצי על אדום אשליך נעלי עלי פלשת התרעעי׃
9 Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida? Eenyutu Edoomitti na geessa?
מי יבלני עיר מצור מי נחני עד אדום׃
10 Yaa Waaqi, kan nu gatte suma mitii? Yaa Waaqi, kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?
הלא אתה אלהים זנחתנו ולא תצא אלהים בצבאותינו׃
11 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar; gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.
הבה לנו עזרת מצר ושוא תשועת אדם׃
12 Nu Waaqa wajjin ni moʼanna; innis diinota keenya gad dhidhiita.
באלהים נעשה חיל והוא יבוס צרינו׃

< Faarfannaa 60 >