< Faarfannaa 6 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. Yaa Waaqayyo aarii keetiin na hin hifatin; yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
For the Chief Musician; on stringed instruments, set to the Sheminith. A Psalm of David. O LORD, rebuke me not in thine anger, neither chasten me in thy hot displeasure.
2 Naa gameeraatii yaa Waaqayyo naaf araarami; lafeen koos jeeqameeraatii yaa Waaqayyo na fayyisi.
Have mercy upon me, O LORD; for I am withered away: O LORD, heal me; for my bones are vexed.
3 Lubbuun koo akka malee jeeqameera; kun hamma yoomiitti? Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?
My soul also is sore vexed: and thou, O LORD, how long?
4 Yaa Waaqayyo, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi; araara keetiif jedhiitii na fayyisi.
Return, O LORD, deliver my soul: save me for thy lovingkindness’ sake.
5 Namni duʼe si hin yaadatu. Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata? (Sheol h7585)
For in death there is no remembrance of thee: in Sheol who shall give thee thanks? (Sheol h7585)
6 Ani aaduu kootiin bututeera. Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa; imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.
I am weary with my groaning; every night make I my bed to swim; I water my couch with my tears.
7 Iji koo gaddaan fajajeera; sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.
Mine eye wasteth away because of grief; it waxeth old because of all mine adversaries.
8 Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa; Waaqayyo sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.
Depart from me, all ye workers of iniquity; for the LORD hath heard the voice of my weeping.
9 Waaqayyo waammata koo dhagaʼeera; Waaqayyo kadhannaa koo ni fudhata.
The LORD hath heard my supplication; the LORD will receive my prayer.
10 Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan; qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.
All mine enemies shall be ashamed and sore vexed: they shall turn back, they shall be ashamed suddenly.

< Faarfannaa 6 >