< Faarfannaa 59 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo Daawit kan “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Miiktaamii. Daawitis yeroo Saaʼol isa ajjeesuudhaaf jedhee namoota ergee mana isaa eegsisetti faarfate. Yaa Waaqi, diinota koo jalaa na baasi; warra natti kaʼan jalaas na furi.
AI Kot, kom kotin dore ia la sang ai imwintiti kan, o kotin pera sang ia mon me palian ia.
2 Warra hammina hojjetan jalaa na baasi; namoota dhiiga dhangalaasan jalaas na baraari.
Dore ia la sang me morsued akan, o kotin sauasa ia sang me inong iong nta.
3 Ilaa, isaan riphanii na eeggachaa jiruu! Yaa Waaqayyo, namoonni hamoon, utuu ani balleessaa fi cubbuu hin qabaatin lola natti kaasu.
Irail kin masamasan maur i, me kelail akan pokon pena ong ia, a sota dip ai, o sota me sued kot, me i wiadar, Maing Ieowa.
4 Ani balleessaa tokko illee hin hojjennee; isaan garuu na loluuf qophaaʼaniiru. Na gargaaruudhaaf kaʼi; rakkina koos ilaali!
Irail tang pena o kaonopada, a sota dip ai. Kom kotin opada wasa, o kotin ieiang ia, o irerong mepukat.
5 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, yaa Waaqa Israaʼel, saboota hunda adabuudhaaf kaʼi; warra hammina isaaniitiin yakka hojjetan tokko illee hin maarin.
Maing Ieowa, Kot Sepaot, Kot en Israel, kotin opada wasa, o kotin kadeikada men liki kan karos. Kom der maki ong amen ir, me kin wia dip ni ar aklapalap. (Sela)
6 Isaanis galgala galgala deebiʼanii, akka saree gururiʼaa magaalattii irra naannaʼu.
Nin sautik re kin puredo ngungung dueta kidi kan, o re kin tangatang sili nan kanim o.
7 Waan isaan afaan isaaniitii baasan ilaali; hidhii isaanii irra goraadeetu jira; isaanis, “Eenyutu nu dhagaʼuu dandaʼa?” jedhu.
Kom kotin mangi, re kin lidelidu mongin; kodlas kan mi pan kilin au arail: Is me pan rong?
8 Yaa Waaqayyo, ati garuu isaanitti kolfita; saboota sana hundumattis ni qoosta.
A komui, Maing Ieowa, pan kotin kiparamat kin irail, o kom pan kotin kalis irail la.
9 Yaa Jabina ko, ani sin eeggadha; yaa Waaqi ati daʼoo koo,
Kele pa i, i pan rukila re omui. Pwe Kot pere pa i.
10 Waaqa na jaallatuu dha. Waaqni fuula koo dura deema; akka ani diinota koo moʼannoodhaan of jalatti ilaalu godha.
Kot kin kotin kasale ong ia melel a kalangan; Kot kin kotin wiai ong ia, i en peren kida ai imwintiti.
11 Yaa Gooftaa, yaa gaachana keenya, ati garuu isaan hin ajjeesin; yoo kanaa achii sabni koo ni irraanfata. Humna keetiin akka isaan jooran godhi; gad isaan deebisis.
Kom der kotin kame ir ala, pwe nai aramas akan pan monokela, a kotin kamueit ir pasang ki omui mana, Ieowa pere pat, kasapoke ir ala.
12 Sababii cubbuu afaan isaaniitiif, sababii dubbii hidhii isaaniitiif, isaan of tuulummaa isaaniitiin haa qabaman. Sababii abaarsaa fi soba isaan dubbataniitiif,
Dip eta lokaia en kilin au arail; i me re pan lokidi ni ar aklapalap; pwe re kin lokaia lalaue o likam eta.
13 dheekkamsaan isaan balleessi; akka isaan deebiʼanii hin argamneef isaan balleessi. Kanaanis akka Waaqni Yaaqoob irratti mootii taʼe, hamma handaara lafaatti ni beekama.
Kom kotin kawe ir ala o der maki ong ir; kawe ir ala, pwe ren solar meakot, ap asa, me Kot kotin kaunda kadaudok en Iakop o sap karos. (Sela)
14 Isaanis galgala galgala deebiʼanii, akka saree gururiʼaa, magaalattii irra naannaʼu.
Nin sautik re kin puredo ngungung dueta kidi kan, o re kin tangatang sili nan kanim o.
15 Isaan waan nyaatan barbaacha asii fi achi jooru; yoo quufuu baatan immoo ni iyyu.
Re kin tangatang sili rapaki kan ar manga, ap lipaned, ma re sota pan medila.
16 Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha; ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha; ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
A i pan kauleki duen omui manaman, o ni mansang i pan kapinga omui kalangan, pwe komui pere pa i o ai paip ni ran en ai apwal.
17 Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha; yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti; ati Waaqa ani abdadhuu dha.
I pan kauli ong komui ai paip, pwe Kot pere pa i o ai Kot kalangan.