< Faarfannaa 59 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo Daawit kan “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Miiktaamii. Daawitis yeroo Saaʼol isa ajjeesuudhaaf jedhee namoota ergee mana isaa eegsisetti faarfate. Yaa Waaqi, diinota koo jalaa na baasi; warra natti kaʼan jalaas na furi.
For the chief musician; set to Al Tashheth. A psalm of David. A michtam; when Saul sent, and they watched the house to kill him. Rescue me from my enemies, my God; set me on high away from those who rise up against me.
2 Warra hammina hojjetan jalaa na baasi; namoota dhiiga dhangalaasan jalaas na baraari.
Keep me safe from the workers of iniquity, and save me from the bloodthirsty men.
3 Ilaa, isaan riphanii na eeggachaa jiruu! Yaa Waaqayyo, namoonni hamoon, utuu ani balleessaa fi cubbuu hin qabaatin lola natti kaasu.
For, see, they wait in ambush to take my life. The powerful men gather themselves together against me, but not because of my transgression or my sin, Yahweh.
4 Ani balleessaa tokko illee hin hojjennee; isaan garuu na loluuf qophaaʼaniiru. Na gargaaruudhaaf kaʼi; rakkina koos ilaali!
They prepare to run at me although I am without fault; awake and help me and see.
5 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, yaa Waaqa Israaʼel, saboota hunda adabuudhaaf kaʼi; warra hammina isaaniitiin yakka hojjetan tokko illee hin maarin.
You, Yahweh God of hosts, the God of Israel, arise and punish all the nations; do not be merciful to any wicked transgressors. (Selah)
6 Isaanis galgala galgala deebiʼanii, akka saree gururiʼaa magaalattii irra naannaʼu.
They return at evening, they howl like dogs and go around the city.
7 Waan isaan afaan isaaniitii baasan ilaali; hidhii isaanii irra goraadeetu jira; isaanis, “Eenyutu nu dhagaʼuu dandaʼa?” jedhu.
See, they belch out with their mouths; swords are in their lips, for they say, “Who hears us?”
8 Yaa Waaqayyo, ati garuu isaanitti kolfita; saboota sana hundumattis ni qoosta.
But you, Yahweh, laugh at them; you hold all the nations in derision.
9 Yaa Jabina ko, ani sin eeggadha; yaa Waaqi ati daʼoo koo,
God, my strength, I will pay attention to you; you are my high tower.
10 Waaqa na jaallatuu dha. Waaqni fuula koo dura deema; akka ani diinota koo moʼannoodhaan of jalatti ilaalu godha.
My God will meet me with his covenant faithfulness; God will let me see my desire on my enemies.
11 Yaa Gooftaa, yaa gaachana keenya, ati garuu isaan hin ajjeesin; yoo kanaa achii sabni koo ni irraanfata. Humna keetiin akka isaan jooran godhi; gad isaan deebisis.
Do not kill them, or my people will forget. Scatter them by your power and make them fall, Lord our shield.
12 Sababii cubbuu afaan isaaniitiif, sababii dubbii hidhii isaaniitiif, isaan of tuulummaa isaaniitiin haa qabaman. Sababii abaarsaa fi soba isaan dubbataniitiif,
For the sins of their mouths and the words of their lips, let them be captured in their pride, and for the curses and lies that they express.
13 dheekkamsaan isaan balleessi; akka isaan deebiʼanii hin argamneef isaan balleessi. Kanaanis akka Waaqni Yaaqoob irratti mootii taʼe, hamma handaara lafaatti ni beekama.
Consume them in wrath, consume them so that they will be no more; let them know that God rules in Jacob and to the ends of the earth. (Selah)
14 Isaanis galgala galgala deebiʼanii, akka saree gururiʼaa, magaalattii irra naannaʼu.
At evening they return, howling like dogs going around the city.
15 Isaan waan nyaatan barbaacha asii fi achi jooru; yoo quufuu baatan immoo ni iyyu.
They wander about looking for food and they growl like a dog if they are not satisfied.
16 Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha; ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha; ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
But I will sing about your strength, and in the morning I will sing about your steadfast love! For you have been my high tower and a refuge in the day of my distress.
17 Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha; yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti; ati Waaqa ani abdadhuu dha.
To you, my strength, I will sing praises; for God is my high tower, the God of covenant faithfulness.